Seexanaan Mormaa! Innis Isin Dhiisee In Baqataa
“Harka Waaqayyoo jala of galchaa; Seexanaan immoo mormaa! Innis isin dhiisee in baqata.”—YAAQOOB 4:7.
1, 2. (a) Seenaan Isaayaas boqonnaa 14rra jiru, amala Seexanaa isa kam kan argisiisudha? (b) Gaaffiiwwan kamirratti mari’anna?
OF TUULUUDHAAN
Seexana kan caalu hin jiru. Raajii Waaqayyo kan ta’e Isaayaas of
tuulummaa Seexanaa fakkeenyaan ibseera. Baabilon guutummaa biyya
lafaarratti olaantummaa argachuushee waggaaoota dhibba tokkoo ol ta’u
dura, sabni Gooftaa ‘mootii Baabiloniin’ akka akkas jedhan ibsamee ture:
“Ati garaa kee keessatti, ‘Ani gara bantiiwwan waaqaatti ol nan ba’a,
urjoota Waaqayyoo [mootota karaa hidda sanyii Daawit dhufan] gararraas
teessoo koo nan dhaabbadha, . . . isa hundumaa gararraa jiruttis of nan
fakkeessa in jette.’” (Isaayaas 14:3, 4, 12-15; Lakkoobsa 24:17) Of
tuulummaan “mootii Baabilon” amala Seexanaa isa “waaqayyicha bara
si’anaa” wajjin kan wal fakkaatudha. (2 Qorontos 4:4) Haata’u malee, akkuma kufaatii guddaan mootummaa Baabilonirra ga’e, of tuulummaan Seexanaas dhumarratti badiisa isarraan ga’a.
2 Ta’us,
hanga Seexanni jirutti gaaffiiwwan kanaa gaditti argaman nu
yaaddessuunsaanii hin oolu: Seexana sodaachuu qabnaa?
Kiristiyaanotarratti ariyatamni akka ga’u kan godhu maaliifi? Akka inni
nu hin gowwoomsine of eeggachuu kan dandeenyu akkamitti?
Diiyaabilosiin Sodaachuu Qabnaa?
3, 4. Kiristiyaanota dibamoo wajjin haala wal qabateen abdiin raawwiisaa argate maalidha?
3 Jechoonni
Kiristos akkas jechuudhaan dubbate Kiristiyaanota dibamoo baay’ee
jajjabeessu: “Dhiphina isa sitti dhufuuf jiru hin sodaatin! Kunoo,
Seexanni, akka isin qoramtanii ilaalamtaniif, isin keessaa kaan mana
hidhaatti akka galfamtan gochuuf jedha; guyyaa kudhaniif rakkina
argachuuf jirtu; du’a yoo sitti fide iyyuu, ati hamma du’aatti amanamaa
ta’i! Ani immoo gonfoo ittiin jireenya argatan siifan kenna.” (Mul’ata 2:10)
Kiristiyaanonni dibamoonis ta’an, namoonni lafarra jiraachuuf abdii
qabaniifi hidhatasaanii ta’an Seexana hin sodaatan. Kun ta’uu kan
danda’e uumamasaaniitiin namoota waa hin sodaanne waan ta’aniif utuu hin
ta’in, Waaqayyoon waan sodaataniifi ‘gaaddisa bobaasaa jalatti kooluu
waan galaniifidha.’—Faarfannaa 34:9; 36:7.
4 Bartoonni
Yesus warri jaarraa jalqabaatti turaniifi ija jabeeyyii turan rakkinni
guddaan isaanirra ga’uyyuu, hamma du’aatti amanamummaasaanii eeganiiru.
Kiristiyaanonni dibamoon, Gooftaan tajaajiltootasaa warra amanamoo ta’an
matumaa akka hin dhiisne waan beekaniif ari’atama Seexanni isaanirraan
ga’u sodaachuudhaan gara duubaatti hin jenne. Yeroo har’aattis haaluma
wal fakkaatuun Kiristiyaanonni dibamoonis ta’an warri mataasaanii Gooftaadhaaf murteessaniifi hidhatasaanii ta’an amanamummaa Waaqayyoof
qaban cabsuurraa fagaachuuf murtoo godhaniiru. Ta’us Phaawulos, Seexanni
akka du’a nurraan ga’uu danda’u dubbateera. Erga akkas ta’ee kun akka
sodaannu nu gochuu hin qabuuree?
5. Ibroota 2:14, 15rraa barumsa maalii arganna?
5 Phaawulos,
Yesus ‘akkumasaanii, jechuunis akkuma namootaa fooniifi dhiiga ta’e’
jedhee erga ibsee booda, “du’a isaatiin Seexana isa humna du’aa qabu
balleessuudhaaf nama ta’e. Warra du’a sodaachuudhaan bara isaanii guutuu
garbummaa jala jiraatan hundumaa birmaduu baase” jechuudhaan
dubbateera. (Ibroota 2:14, 15)
Seexanni ‘humna du’aa waan qabuuf’ Yihudaa isa biyya Keriyotiin erga
to’atee booda, geggeessitoota warra Yihudiifi warra Roomaatiin
gargaaramee Yesusiin ajjeesiseera. (Luqaas 22:3; Yohannis 13:26, 27)
Haata’u malee, Yesus aarsaa ta’ee du’uunsaa ilmaan namootaa warra
cubbamoo ta’an to’annaa Seexanaa jalaa birmaduu baasuusaarrayyuu, karaa
itti jireenya bara baraa argannu nuuf qopheesseera.—Yohannis 3:16.
6, 7. Humni Seexanni du’arratti qabu daangaansaa hanga maaliitti?
6 Humni
Seexanni du’arratti qabu daangaansaa hanga maaliitti? Seexanni
gochawwan hammeenyaa erga raawwachuu jalqabee kaasee sobni inni
dubbateefi qajeelfamni inni kenne ilmaan namootaarra du’a geessiseera.
Kunis kan ta’e sababii Addaam cubbuu hojjeteefi ilmaan namootaa cubbuufi
du’a waan dhaalchiseefidha. (Roomaa 5:12)
Kana malees, tajaajiltoonni Seexanaa lafarratti argaman saba Yihowaa
kan ari’atan yeroo ta’u, al tokko tokkos akkuma Yesusiin ajjeesan
tajaajiltoota Gooftaas ni ajjeesu.
7 Kana
jechuun garuu, Seexanni namoota ajjeesuu barbaadu hundaa ajjeesuu ni
danda’a jechuu miti. Waaqayyo tajaajiltootasaatiif eegumsa kan godhu
ta’uusaarrayyuu, waaqeffattootasaa warra dhugaa lafarratti argaman
hundaa akka balleessu gonkumaa hin heyyamuuf. (Roomaa 14:8)
Dhugaadha, Gooftaan sabasaa hundaarra ari’atamni akka ga’u yookiin nu
keessaa tokko tokko ari’atama Seexanni nurra ga’uun akka duunu heyyamuu
danda’a. Ta’us, Macaafni Qulqulluun abdii dinqisiisaa namoonni
maqaansaanii ‘macaafa seenaa’ keessatti galmeeffame dubbata.
Seexannimmoo, gonkumaa abdii du’aa ka’uu ilaalchisee kenname kana
hambisuu hin danda’u!—Miilkiyaas 3:16; Yohannis 5:28, 29; Hojii Ergamootaa 24:15.
Seexanni Ari’atama Kan Nurraan Ga’u Maaliifi?
8. Seexanni tajaajiltoota Waaqayyoorratti ari’atama kan geessisu maaliifi?
8 Tajaajiltoota Gooftaa warra amanamoo yoo taane, Seexanni ari’atama nurraan ga’uuf
sababii guddaa qaba jechuudha. Kaayyoonsaa amantaa keenya laaffisuudha.
Abbaa keenya isa samii wajjin walitti dhufeenya cimaa kan qabnu yeroo
ta’u, Seexannimmoo walitti dhufeenya gaarii kana nu jalaa balleessuu
barbaada. Kunimmoo nu dinqisiisuu hin qabu. Gooftaan, ‘dubartiisaa’
ishee akka fakkeenyaatti ibsamteefi ‘boficha’ gidduutti, akkasumas
“sanyii” isaanii gidduutti diinummaa akka uumu Eeden keessatti dursee
dubbateera. (Uumama 3:14, 15) Macaafni Qulqulluun Diiyaabilosiin,
“boficha bara durii” jedhee kan waamu ta’uusaarrayyuu, yeroo gabaabduu
duwwaan akka isaaf hafeefi guddaa akka aare dubbata. (Mul’ata 12:9, 12)
Diinummaan “sanyii” lamaansaanii gidduu jiru hanga itti fufetti,
namoonni amanamummaadhaan Gooftaa tajaajilan ari’atamni akka isaanirra
ga’u eeguu danda’u. (2 Ximotewos 3:12) Seexanni ari’atama akkasii kan nurraan ga’u maaliif akka ta’e sirriitti hubatteettaa?
9, 10. Seexanni gaaffii akkamii kaaseera? Gaaffiin kun amanamummaa ilmaan namootaa wajjin kan wal qabatu akkamitti?
9 Seexanni
uumama cufa bulchuuf mirga kan qabu eenyu akka ta’e ilaalchisee gaaffii
kaaseera. Haala olaantummaa Waaqayyoo wajjin wal qabateenis,
amanamummaa ilmaan namootaa Uumaasaaniitiif qabanirrattis gaaffii
kaaseera. Seexanni nama qajeelaa kan ture Iyoobirratti ari’atama fidee
ture. Maaliif? Amanamummaa Iyoob Gooftaadhaaf qabu balleessuu waan
barbaadeefidha. Haati manaasaafi michoonnisaa warra ‘jajjabeessitoota
rakkina dabalan’ sadan, yeroo sanatti namoota kaayyoo Seexanaa
babal’isan ta’anii tajaajilaniiru. Macaafa Iyoobirraa hubachuun akka
danda’amutti, Diiyaabilos akka namoota qoru utuu isaaf heyyamamee namni
Waaqayyoof amanamaa ta’ee dhaabatu tokkollee akka hin argamne
dubbachuudhaan Gooftaarratti mormii kaaseera. Ta’uyyuu, Iyoob
amanamummaasaa eegee jiraachuudhaan Seexanni sobduu ta’uunsaa
mirkanaa’eera. (Iyoob 1:8–2:9; 16:2; 27:5; 31:6) Seexanni, Dhugaa
Baatota Gooftaa yeroo har’aatti argamnurrattis ari’atama kaasee
amanamummaa keenya balleessuudhaan jechisaa kun dhugaa ta’uusaa
mirkaneessuu barbaada.
10 Diiyaabilos
ari’atama kan nurraan ga’u amanamummaa Waaqayyoof qabnu nu jalaa
balleessuuf akka ta’e beekuun keenya jabinaafi cimina akka argisiisnu nu
gargaara. (Keessa Deebii 31:6) Waaqni keenya Waaqa uumama cufarratti
olaantummaa qabu waan ta’eef, amanamummaa keenya eegnee akka dhaabannuuf
gargaarsa nu barbaachisu nuu kenna. Yeroo hundumaa amanamummaa keenya
eegnee jiraachuudhaan garaa Gooftaa haa ciibsinu; kana gochuudhaanis Gooftaan diinasaa isa jalqabaa, jechuunis Diiyaabilos isa Seexana
jedhamuuf deebii akka kennu goona.—Fakkeenya 27:11.
‘Isa Hamaarraa Nu Oolchi’
11. Kadhannaan “Qoramattis nu hin galchin” jedhu hiiknisaa maalidha?
11 Amanamummaa
ofii eeganii jiraachuun salphaa miti; kadhannaa cimaa gochuu barbaada.
Karaa kanaan, jechoonni kadhannaa akka fakkeenyaatti kennaman keessatti
argaman baay’ee nu gargaaru. Barumsi Yesus kadhannaa ilaalchisee
barsiise gar tokkoonsaa akkas jedha: “Qoramattis nu hin galchin, isa hamaarraa nu oolchi malee.” (Maatewos 6:13) Gooftaan akka cubbuu hojjennuuf nu hin qoru. (Yaaqoob 1:13)
Haata’u malee, Macaafni Qulqulluun al tokko tokko wanti tokko akka ta’u
waan heyyameef qofa, akka inni akkas godhe dubbata. (Ruut 1:20, 21)
Kanaaf, kadhannaa ilaalchisee akka Yesus dubbatetti yeroo kadhannu, Gooftaan qorumsa nurra ga’een akka kufnu akka hin heyyamne gaafachuu
keenya argisiisa. Macaafni Qulqulluun, Gooftaan kadhannaa keenya kan
dhaga’u ta’uusaa akkas jechuudhaan nuu mirkaneessa: “Waaqayyo amanamaa
waan ta’eefis, humna keessan gararraatti akka isin qoramtaniif isin hin
dhiisu, garuu qorama sana keessatti akka isin dandeessan in godha, karaa
isin keessaa baatanis isiniif in kenna.”—1 Qorontos 10:13.
12. ‘Isa hamaarraa nu oolchi’ jennee kan kadhannu maaliifi?
12 Yesus
fakkeenya kadhannaasaarratti waa’ee qorumsaa erga dubbatee booda, jecha
“isa hamaarraa nu oolchi” jedhu dubbateera. Macaafni Qulqulluun afaan
Oromoo “hamaa nu oolchi” jedha. Haata’u malee, jechi “nu oolchi” jedhu
Macaafa Qulqulluu keessatti caalaatti kan ittiin hojjetame haala
namootaa wajjin wal qabateenidha. Akkasumas Wangeelli Maatewos
Diiyaabilosiin, kan “isa qoru” jedhee waama. (Maatewos 4:3, 11)
Kanaaf, ‘isa hamaa’ jechuunis Seexanarraa nu oolchi jennee kadhachuun
keenya baay’ee barbaachisaadha. Seexanni Waaqayyorratti akka cubbuu
hojjennu nu gochuuf yaalii godha. (1 Tasaloniiqee 3:5)
“Isa hamaarraa nu oolchi” jennee yeroo kadhannu, Seexanni karaa ittiin
nu gowwoomsu akka hin arganne, Abbaan keenya inni samii akka nu
gargaaruufi akka qajeelfama nuu kennu kadhachuu keenyadha.
Seexanaan Hin Gowwoomfaminaa!
13, 14. Kiristiyaanonni gumii
Qorontos nama gumiisaanii keessa ejja raawwate tokkoof ilaalcha qaban
jijjiiruun kan isaan barbaachise maaliifi?
13 Phaawulos,
waliif dhiisuu ilaalchisee Kiristiyaanota gumii Qorontosiin akkas
jechuudhaan isaan akeekkachiiseera: “Nama isin yakka isaa dhiiftaniif
anis immoo nan dhiisaaf; wanti ani namaaf dhiisu jira yoo ta’e, sababii
keessaniif jedhee fuula Kristos duratti dhiiseeraaf. Akeeki Seexanaa
maal akka ta’e waan beeknuuf, Seexanni akka nu hin gowwoomsineef kana in
goona.” (2 Qorontos 2:10, 11)
Seexanni nu qoruuf mala adda addaatiin gargaaramuu kan danda’u erga
ta’ee, Phaawulos yaada olitti argamu kan barreesse maaliifi?
14 Kiristiyaanonni
gumii Qorontos namni ejja raawwate akkasumaan miseensa gumii ta’ee akka
itti fufu waan heyyamaniif, Phaawulos isaan ceepha’eera. “Halalummaan
warra saba Waaqayyoo hin ta’in keessatti illee salphaatti hin ilaalamne”
yeroo isaan gidduutti raawwatamu callisanii ilaaluunsaanii maqaan
gumichaa akka xuraa’u waan godheef, Seexanni baay’ee hin gammadin hin
oolle. Booda garuu namni cubbuu akkasii raawwate gumii keessaa
baafameera. (1 Qorontos 5:1-5, 11-13) Yeroo boodas, namni kun qalbii geddarateera. Obboloonni kun nama kanaaf dhiifama
godhanii gara gumiitti akka deebi’u utuu gochuu didanii, Seexanni karaa
itti isaan gowwoomsu garabiraa argata ture. Akkamitti? Yoo akkas godhan,
isaanis akkuma Seexanaa gara jabeeyyiifi kan oo’a hin qabne ta’u turan.
Namni qalbii geddarate kun “gadda baay’ee guddaadhaan liqimfamuu isaa
irraa” kan ka’e Gooftaa waaqeffachuu yoo dhaabe, keessumaa jaarsoliin Gooftaa isa oo’a qabeessa ta’e biratti wanta kanaaf itti gaafatamu. (2 Qorontos 2:7; Yaaqoob 2:13; 3:1)
Kiristiyaanni dhugaa kamiyyuu, gara jabeessa, gaarummaa kan hin
qabneefi oo’a kan hin qabne ta’uudhaan Seexana fakkaachuu akka hin
barbaanne beekamaadha.
Mi’a Lolaa Isa Kan Waaqayyoo Hidhachuudhaan Eegumsa Argachuu
15. Lola akkamii gochaa jirra? Lola kanarratti injifannoo argachuun keenya maalirratti kan hundaa’edha?
15 Dhiibbaa
Seexanni nurraan ga’urraa of eeggachuu yoo barbaanne, humnoota
hafuurota hamoo wajjin wal’aansoo wal qabuu qabna. Wal’aansoo hafuurota
hamoo wajjin goonurratti injifannoo argachuun keenya ‘Meeshaa lolaa isa kan
Waaqayyoo guutummaatti hidhachuu’ keenyarratti kan hundaa’edha. (Efesoon 6:11-18) Meeshan lolaa kun ‘qajeelummaa akka maddaa sibiilaatti uffatanii dhaabachuu’ kan dabalatudha. (Efesoon 6:14)
Mootii Israa’el kan ture Saa’ol Waaqayyoof abboomamuu diduusaatiin
hafuura qulqulluu dhabuunsaa rakkoo guddaa isarraan ga’eera. (1 Saamu’el
15:22, 23) Haata’u malee, nuti karaa qajeelummaarra kan deddeebinuufi
mi’a lolaa isa kan hafuuraa guutummaatti kan uffannu yoo ta’e, hafuura
Waaqayyoo kan argannu ta’uu keenyarrayyuu, Seexanniifi hafuuronni hamoon
warri ergamootasaa ta’an akka dhiibbaa nurraan hin geenyeef eegumsa
arganna.—Fakkeenya 18:10.
16. Dhiibbaa humnoonni hafuurota hamoo nurraan ga’an yeroo hundumaa ofirraa ittisuuf gargaarsa argachuu kan dandeenyu akkamitti?
16 Dhiibbaa
humnoonni hafuurota hamoo nurraan ga’anirraa yeroo hundumaa eegumsa
argachuuf wantoonni nu barbaachisan garabiraan, yeroo hundaa Sagalee
Waaqayyoo dubbisuu, qayyabachuufi barreeffamoota karaa ‘hojjetaa
amanamaafi ogeessaa’ qophaa’aniin akka gaariitti gargaaramuu kan
dabalatudha. (Luqaas 12:42)
Akkas kan goonu yoo ta’e, gorsa Phaawulosii wajjin haala wal simuun
sammuu keenya wantoota hafuuraatiin guunna. Phaawulos kana ilaalchisee
akkas jechuudhaan dubbateera: “Obboloota ko, waa’ee waanuma dhugaa
ta’ee, waanuma ulfina qabuu, waanuma qajeelaatti lakkaa’amuu, waanuma
qulqulluu ta’ee, waanuma jaallatamaa waanuma gurratti toluu, waanuma
gaarii ta’ee, waanuma galata qabuu yaadaa!”—Filiphisiiyus 4:8.
17. Misiraachicha karaa bu’a qabeessa ta’een lallabuuf maaltu nu gargaara?
17 Gooftaa ‘Akka nama kophee kaa’ateetti wangeela nagaa lallabuuf qophaa’oo’ akka taanu nu gargaara. (Efesoon 6:15) Yeroo hundaa gumiirratti hirmaachuun misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo akka lallabnu nu gargaara. Namoonni waa’ee Waaqayyoo dhugaasaa akka baraniifi karaa hafuuraa birmadummaa akka argatan gargaaruun keenya gammachuu guddaan nuuf argamsiisa! (Yohannis 8:32)
Barumsa amantii sobaarraa fagaachuufis ta’e “da’oo jajjabaa
jigsuudhaaf” ‘billaa hafuuraa jechuunis, dubbii Waaqayyoo fudhachuun’
baay’ee barbaachisaadha. (Efesoon 6:17, 2 Qorontos 10:4, 5)
Sagalee Waaqayyoo kan ta’e Macaafa Qulqulluu karaa bu’a qabeessa ta’een
yoo fayyadamne, dhugaa barsiisuufi gowwoomsaa Seexanaarraa fagaachuuf
nu gargaara.
18. “Haxxummaa Seexanaatiin mormuu” kan dandeenyu akkamitti?
18 Phaawulos,
waa’ee mi’a lolaa hafuuraa dubbachuu kan jalqabe akkas jechuudhaan
ture: “Gooftaatti humna isaa isa aangoo-qabeessattis jabaadhaa.
Haxxummaa Seexanaatiin mormuu akka dandeessanitti, meeshaa lolaa isa kan
Waaqayyoo guutummaatti hidhadhaa!” (Efesoon 6:10, 11)
Jechi afaan Giriikiitiin “mormuu” jedhu, loltuu iddoosaa qabatee
dhaabate kan argisiisudha. Seexanni tokkummaa keenya diiguuf, barumsa
keenya mancaasuuf, yookiin amanamummaa Waaqayyoof qabnu nu jalaa
balleessuuf haxxummaa gara garaatiin gargaaramus, lola karaa hafuuraa
goonurratti jabaannee dhaabanna. Miidhaa nurraan ga’uuf yaalii inni
hamma har’aatti godhe akkuma isaaf hin mijaa’in hafe, gara fuulduraattis
matumaa isaaf hin mijaa’u!
Seexanaan Mormaa! Innis Isin Dhiisee In Baqata
19. Karaan itti Seexana mormuu dandeenyu keessaa inni tokko maalidha?
19 Wal’aansoo
karaa hafuuraa Seexanaafi hafuurota hamoo to’annaasaa jalatti argamanii
wajjin goonurratti injifannoo argachuu ni dandeenya. Sababii itti
Seexana sodaachuu hin qabne ilaalchisee Yaaqoob akkas jechuudhaan
barreesseera: “Harka Waaqayyoo jala of galchaa; Seexanaan immoo mormaa!
Innis isin dhiisee in baqata.” (Yaaqoob 4:7)
Seexanaafi hafuurota hamoorraa fagaachuuf karaan itti tarkaanfii cimaa
fudhannu keessaa inni tokko, qoricha namatti gochuu yookiin nama
daawwessuu, akkasumas wantoota kanaa wajjin walitti dhufeenya qabanirraa
fagaachuudha. Macaafni Qulqulluun Tajaajiltoonni Gooftaa hooda
heduurraa, urjii ilaalanii namaaf himuurraa, hooda dubbachuufi qoricha
namatti tolchuurraa fagaachuu akka qaban dubbata. Yeroo hundaa
sochiiwwan hafuuraarratti kan hirmaannuufi ejjennoo hafuuraa cimaa yoo
qabaanne, namni kamiyyuu qoricha nutti hojjeta jennee sodaachuu hin
qabnu.—Lakkoobsa 23:23; Keessa Deebii 18:10-12; Isaayaas 47:12-15; Hojii Ergamootaa 19:18-20.
20. Seexanaan mormuu kan dandeenyu akkamitti?
20 Qajeelfama
Macaafa Qulqulluufi dhugaa achi keessatti argamuu wajjin haala wal
simuun jiraachuufi ejjennoo cimaa fudhachuudhaan ‘Seexanaan mormuu’ ni
dandeenya. Seexanni biyyi lafaa kanaaf waaqasaa waan ta’eef isaa wajjin
walii galee jiraata. (2 Qorontos 4:4)
Kanaaf, amalawwan biyya lafaa kan akka of tuuluu, ofittummaa, amala
addaggummaa, walirratti ka’uufi qabeenyaaf bakka guddaa kennuurraa
fagaachuu qabna. Seexanni yeroo lafa onaa keessatti isa qore, Yesus
Caaffata Qulqullaa’aadhaan gargaaramee yommuu deebii isaaf kennetti,
Seexanni isarraa baqachuusaa beekna. (Maatewos 4:4, 7, 10, 11)
Haaluma wal fakkaatuun nutis, guutummaatti Gooftaaf kan ajajamnuufi
akka isatti amanamnu kadhannaadhaan kan argisiisnu yoo ta’e Seexanni ‘nu
dhiisee baqata.’ (Efesoon 6:18) Gooftaan nuu wajjin waan ta’uuf, namni kamiyyuu,
Seexannillee, miidhaa bara baraa nurraan ga’uu hin danda’u!—Faarfannaa
91:9-11.
ምንም አስተያየቶች የሉም:
አስተያየት ይለጥፉ