Diiyaabilosiif Karaa Hin Kenninaa!
“Seexanaaf [Diiyaabilosiif] Karaa Hin Kenninaa!” —Efesoon 4:27
1. Namoonni baay’een Diiyaabilos jiraachuusaa kan shakkan maaliifi?
NAMOONNI baay’een
waggoota dheeraadhaaf maqaan Diiyaabilos jedhu yeroo waamamu: Gaafa,
kottee baqaqaa kan qabuu, uffata diimaa kan uffatuufi qoorbiidhaan
namoota hamoo ibidda sii’ol keessatti kan darbatu godhanii ilaalu.
Macaafni Qulqulluun garuu yaada kana hin deggeru. Ilaalchi dogoggoraa
akkasii kun namoonni miliyoonaan lakkaa’aman Seexanni jiraachuusaa akka
shakkan yookiin maqaan kun kan argisiisu hammeenya qofadha jedhanii akka
yaadan godheera.
2. Macaafni Qulqulluun waa’ee Diiyaabilos maal jedha?
2 Macaafni
Qulqulluun Seexanni jiraachuusaatiif ragaa qabatamaa ta’e, jechuunis
kan ijaan isa arge akka jiru ibsuudhaan, inni dhugumaan akka jiru nuu
mirkaneessa. Yesus Kiristos yeroo samiirra ture kan ijaan isa arge
ta’uusaarrayyuu, yeroo lafarra ture isaa wajjin dubbateera. (Iyoob 1:6; Maatewos 4:4-11)
Macaafni Qulqulluun maqaan ergamaa kanaa jalqaba eenyu akka ture hin
ibsu. Ta’us, maqaa Waaqayyoo balleessuusaatiin kan ka’e Diiyaabilos,
jechuun kan (“Maqaa balleessu”) akkasumas Gooftaa mormuusaatiin kan ka’e
Seexana, yookiin kan (“Mormu”) jedhee waamuudhaan eenyummaasaa ibsa.
Seexanni bofaan gargaaramee Hewwaaniin waan gowwoomseef ‘bofa bara
durii’ jedhamee waamameera. (Mul’ata 12:9; 1 Ximotewos 2:14) Kana malees, “isa hamaa” jedhamee waamameera.—1 Yohannis 5:19*
3. Gaaffii isa kam qoranna?
3 Tajaajiltoota Gooftaa waan taaneef, karaa kamiiniyyuu diina Waaqayyoo kan ta’e
Seexana fakkaachuu hin barbaannu. Kanaafuu, gorsa Phaawulos “Seexanaaf
[Diiyaabilosiif] karaa hin kenninaa!” jechuudhaan kenne hojiirra oolchuu
qabna. (Efesoon 4:27) Erga akkas ta’ee, amalawwan Seexanaa nuti irraa fagaachuu qabnu tokko tokko maal fa’i?
Fakkeenya Isa Maqaa Balleessuu Hin Hordofinaa
4. ‘Inni hamaan’ maqaa Waaqayyoo kan hadheesse akkamitti?
4 Seexanni, inni “isa hamaa” jedhamee waamame, kan maqaa balleessu
waan ta’eef maqaan Diiyaabilos jedhamu isaaf kennamuunsaa sirriidha.
Maqaa balleessuu jechuun, maqaa nama kaanii hadheessuufi oduu sobaa
babal’isuu jechuudha. Waaqayyo Addaamiif abboommii akkas jedhu kennee
ture: “Ija mukicha nyaatanii hamaa fi gaarii ittiin beekan sana irraa
garuu hin nyaatin! Gaafa isa irraa nyaatte garuu dhuguma in duuta.”
(Uumama 2:17) Abboommiin kun Hewwaanittis himamee ture; ta’us,
Diiyaabilos bofaan fayyadamee akkas isheedhaan jedhe: “Hin duutan; isin
ija mukichaa irraa yeroo nyaattan iji keessan akka banamu, hamaa fi
gaarii beekuudhaanis akka Waaqayyo akka isin taatan, Waaqayyo in beeka.”
(Uumama 3:4, 5) Jechi kun dubbii maqaa Gooftaa hadheessuufi hammeenya
of keessaa kan qabu ture!
5. gocha raawwateef itti gaafatamuu kan qabu maaliifi?
5 Israa’elootaaf
abboommiin akkas jedhu kennamee ture: “Saba keessan gidduu asii fi achi
adeemtanii hin hamatinaa [maqaa hin balleessin]!”
(Lewwoota 19:16) Yohannis ergamaan waa’ee namicha barasaatti tureefi
maqaa balleessu tokko akkas jedheera: “Ani waldaa kristiyaanaatiif waan
tokko caafeera; Diyotreefes inni geggeessituu ta’uu barbaadu immoo nu
hin dhaga’u. Egaa yoon dhufe, waan inni hojjetuu fi isa inni dubbii
hundee hin qabneen maqaa keenya balleessu hundumaa nan kaasa.” (3 Yohannis 9, 10)
Diyotreefes maqaa Yohannis balleessaa waan tureef gocha raawwateef itti
gaafatamuu qaba ture. Kiristiyaanota amanamoo ta’an keessaa,
Diyotreefesiifi Seexana isa maqaa balleessu fakkaachuu kan barbaadu
jiraa?
6, 7. Maqaa namootaa hadheessuurraa fagaachuu kan qabnu maaliifi?
6 Yeroo
baay’ee, maqaa tajaajiltoota Gooftaa balleessuuf jecha, dubbiifi
himanni sobaa isaanirratti dhihaata. “Luboonni warri angafoonni,
barsiisonni seeraas achi dhaabatanii, jabeessanii isa [Yesusiin]
hammeessan.” (Luqaas 23:10) Ananiiyaas angafni lubootaafi namoonni kaan Phaawulosirratti himata sobaa dhiheessanii turan. (Hojii Ergamootaa 24:1-8)
Macaafni Qulqulluun Seexana ilaalchisee, “Hadheessituun obboloota
keenyaa inni halkanii fi guyyaa Waaqayyo keenya duratti isaan hadheessaa
ture” jechuudhaan dubbata. (Mul’ata 12:10)
Akka caqasa kanarratti ibsametti obboloonni asirratti himataman
Kiristiyaanota dibamoo guyyoota gara dhumaa kanatti lafarratti
argamanidha.
7 Kiristiyaanni
maqaa namootaa balleessuu yookiin himata sobaa namootarratti dhiheessuu
barbaadu hin jiru. Ragaa qabatamaa utuu hin qabaatin warra kaanirratti
sobaan yoo dhugaa baane garuu wanta kana raawwachuu dandeenya. Akka
Seera Museetti namni tokko nama kaanirratti yoo sobaan dhugaa ba’e,
duuti itti faradamuu danda’a ture. (Ba’uu 20:16; Keessa Deebii 19:15-19)
Akkasumas, wantoota fuula Gooftaa duratti ciiggaasisaa ta’an keessaa
inni tokko ‘nama sobaan nama irratti dhugaa ba’udha.’ (Fakkeenya 6:16-19) Kanaafuu, isa sobaan maqaa balleessuufi himata sobaa dhiheessu fakkaachuu hin barbaannu.
Daandiiwwan Isa Jalqabumaa Kaasee Nama Ajjeesaa Turerraa Fagaadhaa
8. Diiyaabilos ‘jalqabumaa jalqabee nama ajjeesaa kan ture’ akkamitti?
8 Seexanni kan nama ajjeesedha. Yesus, “jalqabumaa jalqabee inni sun nama ajjeesaa ture” jedheera. (Yohannis 8:44)
Addaamiifi Hewwaaniin Waaqayyorraa fageessuu erga jalqabee kaasee,
Seexanni kan nama ajjeessu ta’eera. Isaanirrattis ta’e ilmaansaanii
hundaarratti du’a fideera. (Roomaa 5:12)
Namootarra du’a geessisuu kan danda’ummoo, qaama dhugumaan jiru malee
hammeenya nama keessa jiru ta’uu akka hin dandeenye qalbeeffachuu qabna.
9. Akka 1 Yohannis 3:15rratti ibsametti nama ajjeesuu kan dandeenyu akkamitti?
9 Abboommii
Israa’elootaaf kennaman kurnan keessaa inni tokko, “Hin ajjeesin!”
jedha. (Keessa Deebii 5:17) Phexros Kiristiyaanotaaf akkas jechuudhaan
barreesseera: “Isin keessaa tokko iyyuu nama gumaa [akka nama
ajjeesaatti, 1899] . . . ta’ee hin dhiphatin!” (1 Phexros 4:15)
Tajaajiltoota Gooftaaa waan taaneef nama hin ajjeesnu. Ta’uyyuu, nama
hidhata amantii keenya ta’e tokko kan jibbinu yookiin akka inni du’u kan
hawwinu yoo ta’e Waaqayyo duratti itti gaafatamna. Yohannis ergamaan,
“Obboleessa isaa kan jibbu hundinuu nama nama ajjeesee dha; namni nama
ajjeese abdii jireenya bara baraa of keessaa akka hin qabne isin iyyuu
beektu” jechuudhaan barreesseera. (1 Yohannis 3:15)
Abboommiin: “Ati garaa keetti obboleessa kee hin jibbin” jedhu
Israa’elootaaf kennamee ture. (Lewwoota 19:17) Kanaaf, Seexanni inni
jalqabumaa jalqabee nama ajjeesaa ture tokkummaa Kiristiyaanummaa keenya
akka nu jalaa hin balleessinetti, walitti bu’iinsa nuyiifi obboloota
keenya gidduutti uumamu dafnee hiikuu qabna.—Luqaas 17:3, 4.
Abbaa Sobaa Sanaan Mormaa
10, 11. Seexana isa abbaa sobaa ta’een mormuuf maal gochuu qabna?
10 Diiyaabilos
sobduudha. Yesus, “inni sobaa dha, abbaa sobaa tis; kanaaf yommuu sobu
isa garaa isaa keessa jiru in dubbata” jedheera. (Yohannis 8:44) Seexanni Hewwaaniin kan sobe yeroo ta’u, Yesus garuu gara biyya lafaa kan dhufe dhugaadhaaf dhugaa ba’uudhaafidha. (Yohannis 18:37)
Duuka buutota Yesus waan taaneef, Diiyaabilosiin mormuu keenya itti
fufuu yoo barbaanne sobaa fi namoota gowwoomsuurraa fagaachuu qabna.
‘Dhugaa dubbachuu’ qabna. (Zakaariyaas 8:16; Efesoon 4:25) Gooftaan “Waaqa amanamaa [Waaqa dhugaa, 1899]”
waan ta’eef, kan inni eebbisu dhugaa baatotasaa warra amanamoo ta’an
qofadha. Jal’oonni garuu isa bakka bu’anii waa’eesaa dubbachuu hin
danda’an.—Faarfannaa 31:5; 50:16; Isaayaas 43:10.
11 Dhugaa
Macaafa Qulqulluu beekuu keenyaan soba Seexanaarraa birmaduu ba’uu
keenya kan dinqisiifannu yoo ta’e, Kiristiyaanummaa isa ‘karaa dhugaa’
ta’e jabeessinee qabachuu qabna. (2 Phexros 2:2; Yohannis 8:32) Barumsi Kiristiyaanummaa guutummaatti kan hundaa’ee “dhugaa wangeelaa” irrattidha. (Galaatiyaa 2:5, 14)
Fayyinni keenya ‘dhugaatti qabamnee jiraachuu’, jechuunis haala dhugaa
wajjin wal simuun jiraachuufi “abbaa sobaa” kan ta’e Diiyaabilosiin
mormuu keenyarratti kan hundaa’edha.—3 Yohannis 3, 4, 8.
Gantuu Isa Jalqabaatiin Mormaa!
12, 13. Gantootaaf ilaalcha akkamii qabaachuu qabna?
12 Ergamaan
yeroo booda Diiyaabilos ta’e kun dur dhugaatti qabamee jiraachaa ture.
Ta’uyyuu, akka Yesus ibsetti “dhugaan isa keessa waan hin jirreef, inni
dhugaa irra hin dhaabanne.” (Yohannis 8:44)
Gantuun inni jalqabaa kun, “Waaqa dhugaa” kan ta’e Gooftaa mormaa
tureera. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa tokko tokko gowwoomfamanii
dhugaarraa fagaachuusaaniitiin ‘kiyyoo Seexanaatti [Diiyaabilositti]’
qabamuudhaan miidhaasaatiif saaxilamaniiru. Kanaan kan ka’es, Phaawulos
namoonni kun karaa hafuuraa deebi’anii akka jabaataniifi kiyyoo
Diiyaabilos keessaa ba’uu akka danda’aniif hidhata amantaasaa kan ta’e
Ximotewos gara-laafinaan akka isaan gargaaru isa akeekkachiiseera. (2 Ximotewos 2:23-26) Jalqabumayyuu dhugaa jabeessanii qabachuufi kiyyoo ilaalcha gantummaatiin qabamuurraa fagaachuun gaariidha.
13 Addaamiifi
Hewwaan soba Diiyaabilosirraa fagaachuu mannaa isa
dhaggeeffachuusaaniitiin gantoota ta’aniiru. Nutihoo gantoota
dhaggeeffachuu, barreeffamootasaanii dubbisuu, yookiin Weeb
Saayitiisaanii qoruu qabnaa? Waaqayyoofi dhugaa kan jaallannu yoo ta’e
akkas hin goonu. ‘Hojiisaanii isa hamaatti hirmaachuu’ waan hin
barbaanneef, gantoonni mana keenya akka dhufan hin heyyamnu; nagaas
isaan hin gaafannu. (2 Yohannis 9-11)
Matumaa kiyyoo Diiyaabilos isa namoota “barsiisa wanta amaname irraa
kaachisee nama balleessu” fiduun, barsiistota sobduu ‘dubbii mataa
keessaa fuudhanii odeessaniifi’ warra ‘nurraa nyaachuu’ barbaadaniin
mo’amnee ‘karaa dhugaa’ dhiisuu hin qabnu.—2 Phexros 2:1-3.
14, 15. Phaawulos jaarsolii gumii Efesoon turaniifi hidhata amantaasaa kan ta’e Ximotewosiif akeekkachiisa akkamii kenne?
14 Phaawulos
jaarsolii gumii Efesoon turaniin akkas jedheera: “Of eeggadhaa, karra
hoolota Waaqayyoo warra hafuurri qulqulluun akka eegdaniif isin
dhaabeefis, eeggadhaa! Waldaa kristiyaanaa isa Waaqayyo dhiiga tokkicha
ilma isaatiin kan isaa godhate eegaa! Erga ani adeemee immoo warri akka
yeeyyii sodaachisoon, hoolota karra keessatti kan hin hambifne akka isin
gidduu galan ani beeka. Isinuma keessaa iyyuu namoonni dubbii dhugaa jal’isuudhaan amantoota garagalchanii of duukaa buusan in ka’u.” (Hojii Ergamootaa 20:28-30) Yeroo boodas gantoonni akkasii kan ka’an yeroo ta’u ‘dubbii dhugaas jal’isaniiru.’
15 Phaawulos,
Dh.K.B. naannoo bara 65tti ‘dubbicha isa dhugaa qajeeltootti akka
hojjetu’ Ximotewosiin akeekkachiisee ture. Itti fufuudhaanis Phaawulos
akkas jechuudhaan barreesseera: “Dubbii midhaan hin qabne isa wanta
qulqullaa’aadhaan mormu irraa fagaadhu! Inni ittuma caalchisee nama
Waaqayyoo ta’uu irraa nama fageessa. Dubbiin akkasii akka madaa foon
nyaatee bal’achaa adeemuu ti; Himnewosii fi Filexoos warra dubbii
akkasii dubbatan keessa jiru. Isaan kun ‘Du’aa ka’uun kanaan dura
ta’eera’ jechuudhaan dhugaa irraa kaataniiru; amantii warra kaaniis
garagalchaniiru.” Gantummaan jalqabee ture! Phaawulos itti fufuudhaan
“hundeen Waaqayyo kaa’e jabaatee in dhaabata” jedheera.—2 Ximotewos 2:15-19.
16. Gantuu inni jalqabaa malawwan
garagaraatiin gargaaramee gowwoomsuuf yaalii godhus, Waaqayyoofi
Sagaleesaatiif amanamoo taanee deddeebi’uu kan dandeenye akkamitti?
16 Seexanni
gantootaan gargaaramee waaqeffannaa dhugaa mancaasuuf yeroo baay’ee
yaalii godhus, carraaqqiinsaa utuu bu’aa isaaf hin argamsiisin hafeera. Gantuun inni jalqabaa
malawwan garagaraatiin gargaaramee nu gowwoomsuuf yaalii godhus,
hojjetaan amanamaaniifi ogeessi karaa hafuuraa dammaqaa waan ta’eef, Gooftaafis ta’e Sagaleesaatiif amanamoo taanee akka deddeebinu nu
gargaareera. (Maatewos 24:45) Hanga har’aattis, ‘hundeen Waaqayyo kaa’e jabaatee dhaabateera.’
Inni Biyya Lafaa Seerratu
Matumaa Akka Isin Mo’atu Hin Heyyaminaa
17-19. Biyyi lafaa inni to’annaa Diiyaabilos jala jiru maalidha? Biyya lafaa kana jaallachuu kan hin qabne maaliifi?
17 Karaa
Seexanni kiyyootti nu galchuuf yaalii itti godhu gara biraan immoo biyya
lafaa, jechuunis hawaasa ilmaan namootaa isa Waaqayyorraa fagaateefi
karaa qajeelaa hin taanerra deddeebi’u akka jaallannu gochuudhaani.
Yesus Diiyaabilosiin, isa “biyya lafaa kana seerratu” jedhee erga waamee
booda: “Inni ana irratti aboo hin qabu” jedhee dubbateera. (Yohannis 14:30)
Nutis matumaa Seexanni akka nu to’atu heyyamuu hin qabnu! Dhugaadha,
“guutummaan biyya lafaa immoo harka isa hamaa jala akka jiru in beekna.”
(1 Yohannis 5:19)
Diiyaabilos, Yesus gantuu ta’uudhaan al tokko lafa dhahee yoo isaaf
sagade “isaan kana hundumaa [mootummoota biyya lafaa hundumaa]” akka
isaaf kennu kan dubbate biyyi lafaa waan harkasaa jala jiruufidha. Ilmi
Waaqayyoo garuu kana akka hin goone jabeessee ibsuudhaan afeerriisaa
akka hin fudhanne itti himeera. (Maatewos 4:8-10) Biyyi lafaa inni Seexanaan seerratamu kun duuka buutota Kiristosis ni jibba. (Yohannis 15:18-21) Kanaaf, Yohannis biyya lafaa akka hin jaallanne nu akeekkachiisuunsaa nu dinqisiisuu hin qabu!
18 Yohannis
akkas jechuudhaan barreesseera: “Biyya lafaa yookiis waan biyya lafaa
jaallachuutti hin hidhaminaa; namni tokko biyya lafaa jaallachuutti yoo
hidhame, Waaqayyo abbaa jaallachuun isa keessa hin jiru. Wanti biyya
lafaa keessa jiru hundinuu, hawwiin foonii, hawwiin ijaas, jireenyaan
kooruunis biyya lafaa keessaa ba’a malee, abbaa biraa hin ba’u. Biyyi
lafaa, hawwiin isaas hundinuu in darba, namni fedha Waaqayyoo raawwatu
garuu bara baraan in jiraata.” (1 Yohannis 2:15-17)
Akkaataan jireenyaa biyya lafaa, foon keenya isa cubbamaarratti
dhiibbaa waan geessisuufi seera Gooftaan baasee wajjin kan wal faallessu
waan ta’eef, biyya lafaa jaallachuu hin qabnu.
19 Amalli
akka biyya lafaa jaallachaa jirru argisiisu garaa keenya keessa akka
jiru yoo hubanne maal gochuu qabna? Amala akkasiifi fedhiiwwan foonii
wantoota kanaa wajjin walitti dhufeenya qaban mo’uu akka dandeenyu akka
nu gargaaruuf Waaqayyoon haa kadhannu. (Galaatiyaa 5:16-21)
Ilmaan namootaa daandii qajeelummaarraa fagaatan haala ijaan hin
argamneen “kan seerratan” “macca hafuurota hamminaa” ta’uusaanii yoo
hubanne, “xuraa’ummaa biyya lafaa” irraa fagaachuuf akka carraaqqii
goonu homaa hin shakkisiisu.—Yaaqoob 1:27; Efesoon 6:11, 12; 2 Qorontos 4:4.
20. Nuti “Kan biyya lafaa” miti jechuu kan dandeenyu maaliifi?
20 Yesus bartootasaa ilaalchisee: “Akkuma ani kan biyya lafaa hin ta’in, isaanis kan biyya lafaa miti” jedhee dubbateera. (Yohannis 17:16) Kiristiyaanonni
dibamooniifi hidhattoonnisaanii warri Gooftaadhaaf of murteessan,
amalaanis ta’e hafuuraan qulqulluu ta’anii jiraachuufi biyya lafaarraa
fagaachuuf carraaqqii godhu. (Yohannis 15:19; 17:14; Yaaqoob 4:4) Biyyi lafaa inni qajeelummaarraa fagaate kun nurraa waan adda ta’eefi ‘qajeelummaa waan lallabnuuf’ nu jibba. (2 Phexros 2:5)
Dhugaadha, kan jiraannu ilmaan namootaa warra halalee, warra ejjan,
warra namoota saaman, warra waaqayyolii tolfamoo waaqeffatan, warra
hatan warra sobaniifi warra machaa’anii wajjinidha. (1 Qorontos 5:9-11; 6:9-11; Mul’ata 21:8) Nuti garuu, cubbuu isa biyya lafaa to’atuun waan hin geggeeffamneef, “hafuura biyya lafaa” hin baafannu.—1 Qorontos 2:12.
Diiyaabilosiif Karaa Hin Kenninaa!
21, 22. Gorsa Phaawulos Efesoon 4:26, 27rratti argamu hojiirra oolchuu kan dandeessan akkamitti?
21 ‘Hafuurri
biyya lafaa’ akka nu to’atu heyyamuu mannaa, hafuura Waaqayyootiin
geggeeffamna; hafuurri kun immoo amalawwan akka jaalalaafi of dhowwuu
akka horannu nu gargaara. (Galaatiyaa 5:22, 23)
Amalawwan kun immoo dhiibbaa Diiyaabilos amantaa keenyarratti geessisu
akka ofirraa ittisnu nu gargaara. Inni ‘dheekkamsa isa waan hamaa
hojjechuutti nu geessu’ akka raawwannu kan barbaadu yeroo ta’u, hafuurri
Waaqayyoo ammoo ‘dheekkamsarraa akka of qusannuufi aaruu’ akka dhiisnu nu
gargaara. (Faarfannaa 37:8) Darbee darbee sababii ga’aa akka dheekkamnu
nu taasisu qabna ta’a. Ta’us, Phaawulos gorsa akkas jedhu nuu kenneera:
“Yoo aartan iyyuu aariin keessan gara cubbuutti isin hin geessin! Utuma
aariitti jirtaniis aduun isin duraa hin lixin! Seexanaaf
[Diiyaabilosiif] karaa hin kenninaa!”—Efesoon 4:26, 27.
22 Akka
aarretti yoo turre aariin keenya cubbuu akka raawwannu nu gochuu
danda’a. Akka aarretti turuun keenyammoo gumii keessatti walii galteen
akka dhibu yookiin gocha gadhee akka raawwannu gochuuf Seexanaaf karaa
bana. Kanaaf, yeroo warra kaanii wajjin waldhabiinsi uumamu karaa
Waaqayyo biratti fudhatama qabuun dafnee rakkoo kana hiikuu qabna.
(Lewwoota 19:17, 18; Maatewos 5:23, 24; 18:15, 16)
Egaa, hafuura Waaqayyootiin geggeeffamuudhaan amala of qabuu haa
horannu; sababii dheekkamuuf nu dandeessisu qabaannullee, dheekkamsi
keenya hadhaa’ummaa, hammeenyaafi jibbatti akka nu hin geessine of haa
eeggannu.
ምንም አስተያየቶች የሉም:
አስተያየት ይለጥፉ