Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu
Waaqa tokko Ameen.
Barnoota Amantaa Dhugaa
Amantaan beekumsa beekumsaan oliiti.
Amantaan hayyama Waaqayyootiin kan mul’atedha.
Amantaan yaada fi qaroomina fooniitiin qoratamee kan irra ga’amu miti. Namni tokko yoo lafa kana irra jiraatu wantoota sadi’i hubachuu qaba. Isaanis:- Barbaachisummaa Amantaa (Ibroota 11:6)
Garaagarummaa fi tokkommaa Amantaa fi Falaasamaa.
Amantaan tikfamee jiraachuu.
Isinhoo obboleeyyan keenya, “Amantaan of ijaaraa jiraadhaa /dhaabbadhaa /” akkuma jedhamee barreeffame Amantaa hordofuu, beekuufi Amantaan jiraachuun barbaachisaa ta’uu isaa hubachuu qabdu. /Yihud 1:20/.
Kaayyoon leenjii kanaa gabaabumatti
“Hunda dura Amantaa haa barannu” /Abbootii Jaarraa Sadaffaan/ akkuma jedhamee ajajametti
Amantaa:- Addunyaa tanaaf Uumaa, Waaqa, Hojjataa, Bulchaa fi Sooraan jira jedhanii amanuu. (Ibroota 11:16) Walquunnamtii Waaqayyoon Ergamtootaa fi Nama waliin qabu. (uuma 1:26) Iccitii qaama miira keenyatiin ol ta’eedha. Karaa /Daandii/ Waaqayyooti. (Luq 2:10, Yoh 1:1-10) yookiin “Doogmaa” jedhama. Nutiin Amantaa sirrii taate jedhamti. Amantaan humna jiraachuu Waaqayyoo ittiin hubannu dha.
Jiraachuu Waaqayyoo Amantaan
Wantoota biroo yookaa xiinxale malee inni Waaqa xiinxalamu akka hintaane amanuu/ kana fudhachuu/. Aangoo isaatin isa mul’atuu fi isa hinmul’anne mara kan uume, fide, argamsiise isaan uume mara dabarsee kan jiraatu, Waaqa beekaa fi humna Qabeessa ta’e dha. /Bahiit 3:14/ Amalummaa isaan Tokkummaa fi Sadi’ummaa kanqabu, jalqabaafii xumura, hundeefii baaxiidha. /Mul’ata 22:12/ Waaqayyoon ala uumaan biraa hinjiru. Kanaaf, kan hinmul’anne, kan hinxiinxalamne, Addunyaa tana kan uumeefii ishee eegaatii, sooraatii, bulchaatii kanjiru, Addunyaa tana dabarsee Waaqa jiraatu jiraachuu isaa ittiin baranna. Amantaan maaliif barbaachisa? Ilmi Namaa uumamaan gargaarsa malee kanjiraatu miti. Ilma Namaa gargaaruf kan danda’u ammoo Waaqayyoon ol tokkoyyuu hin jiru. Sila kana ta’eef, gargaarsa Waaqayyoo argachuun kandanda’amu Amantaan qofa dha. Kanaaf, barbaachisummaa Amantaa akkaataa armaan gadiitti ilaalla. Barbaachisummaa Amantaa Jiruu afuurawaatiif Jiruu Foonitiif Biyyaaf Keenaa ijoollummaa Waaqayyo wajjin jiraachuu Mootummaa isaa dhaaluuf kkf. Tasgabbaauummaa, nageenya, jaalala Fageessanii yaaduu Arjaa, suuga Dhibee/araada badaa/ iraa of qusachuu kkf. Amanamummaa Cimina Loogiin ala ta’uu Kabajuu kkf. laata Dubbisa Gargaarsaa 1.2 Garaagarummaa fi tokkummaan Amantaa fi Amantii akkamitti mul’ata? Akkuma armaan olitti ibsameen:- Amantaan Tokkittii dha. (Efee 4:4). Daandii Waaqayyooti. ( Yoha 1:1-14) Waaqayyoon uumamtoota uumee jira jedhanii amanuu dha. Waaqayyoon jalqabaafi xumura hinqabu jedhanii fudhachuu dha. Amantii Tokkummaa:- Ilaalcha dhuunfaati Jabina dhuunfaati Tokkummaa Waaqayyo waliin qabnu jabeessuu; fkn “Ati ana waliin jirtaatii hamaa hinsodaadhu.” ( Faar 22:4) Waa tokkoon nanfayya jedhanii amanamuu “amantiin guddaadha.” / Maate 13:28, Mate 9:21/ Garaagarummaa:- Amantiin ilaalcha badaa adda addaafis nama saaxila Baay’achuu dhaabbilee amantiif karaa bana. Waaqeffannaa alagaaf/ ilaalcha dhuunfaatiif / nama saaxila. Walumaagalatti Amantaan amantiitti, amantiinis Amantaatti yookaa hirkatan; Waaqeffannaa Waaqayyoo jala yoo oolan; barbaachisoodha. Dubbisa Gargaarsaa 1.3 Bu’uura Amantaa:-
Jiraachuu Waaqayyoo/ Jiraachuu Uumaa/ Ilaalcha Uumaan hinjirre keessatti waa’ee Amantaa dubbachuun hin danda’amu. Namni tokko jiraachuu Uumaa yookaa amanu uumamaa ta’uu isaas amana. Waan Kana ta’eef, jiraachuun Uumaa hundee Amantaati. /Ximo 2ffaa 2:13. / Kitaaba Qulqulluu Kanniin jiraachuu Uumaa nubeeksisan keessaa Kitaabni Qulqulluun isa tokko. “Jalqaba Waaqayyoon Samiif Lafa uume.” (Uuma 1:1, Luq 16:29). Muuseefi Raajonni jruuf; isaan haadhaga’an jechoonni jedhan jiraachuu Uumaa kan nuuf ibsaniidha. Akkasumas “Amantiin dhaga’uu irraati dhaga’uunis jecha Waaqayyooti.” /Room 10:17/ akkuma jedhame. Dabre dabree Mana Kiristaanaa Maatiin keenya dabre dabreedhaan kan nuuf tursiisan Ayyaana kabajuu, Sanbateefi waldaa gurmeessuu Maqaa Waaqayyoo waamuu, Mana Kiristaanaa ijaaruu kkf. Ragaa Uumamaa ( Faar 18:1)
Dubbisa Gargaarsaa 1.4
Akkaataa jalqabaa fi dhufaatii Amantaa Amantaan kanjalqabame Waaqayyo hojii uumuu guyyaa jalqabetti. /Ergamoota Qulqulluun jalqabame/. Ilmi namaa uumamuu Addaamii eegalee Amantaan Waaqayyo isaa waliin walquunnamuu eegaleera. Isa kanas seerota sadi’iin qoqqoodanii ilaaluun nidanda’ama. Fakkeenyaf:- Seera Laphee Addaam waameet “eessa jirta?” jedheen. (Uuma 3:8) Nooh waliin. (Uuma7:6) Abrahaam waliin. (Uuma 11:1) Kakuu Moofaa (Seera Ooriitiitti) Muusee waliin. (Bahuu 3:1) Iyyaasuu waliin. (Iyya 1:9) Eermiyaas waliin. (Eer 1:4) Seera Wangeelaatti Keennaa Sab’aa Sagal/ Sagada/ (Maate 2:2) Raga Maanguddoo Simi’oon (Luuq 2:29), kkf. Haalota armaan olitti fakkeenyan ibsamanii fi haala birootiin kan ibsamaniin, Waaqayyo gooftaan karaan Amantaa Qulqulloota Ergamootaan jalqabameefi ifa ba’e haga dhumaatti akka ittifufu hayyama isaa ta’eera. (Maate 28:20).
Dubbisa Gargaarsaa 2.1
Iccitiiwwan Bu’uraalee Shanan Waa’ee Balfataa/ Malakoot/ Iccitii Sadi’ummaa /Sillaasee/ “Namoota akka bifaa fii fakkeenya keenyaatti haa uumnu.” (Uuma 2:26) Tokkummaa fi sadi’ummaa Waaqayyoo iccitii itti barannudha. Amantaafii beekumsi iccitii Sillaasee; sadan tokko, tokkummaan ammo sadi’i jedhanii amanuu, fudhachuu, hubachuudha. Tokkummaa (hojii aangoominaaa) Amala Waaqummaatiin Jireenya Waaqummaatiin Humna Waaqummaatiin Mootummaa Waaqummaatiin Ulfinaan Dursuun Qulqullinaan Ajajaan Guutummaadhan Aangoon Sagadaan Fageenyaan/Xiqqeenyaan/ Galataan Ifaan…kkf. Sadi’ummaa:-
1. Maqaan Abbaa, Ilma, Afuura Qulqulluu. (Maat 20:8) Abbaan abbaa Ilmaati, bulchaa Afuura Qulqulluuti Ilmi ilma amalaa Abbaati (Maate 17:5) Hafuurri Qulqulluun Abbaa irraa baha. Sillaaseen walitti bu’iinsa maqaa hinqaban. kana jechuun, Abbaan Abbaa jecdhama malee Ilma yookin Afuura Qulqulluu hinjedhamu, Ilmis Ilma jedhama malee Abbaa yookin Afuura Qulqulluu hinjedhamu, Afuurri Qulqulluunis Afuura Qulqulluut jedhama malee Abbaa yookin Ilma hinjedhamu.
2. Qaaman Abbaaf: - Bifa adda ta’e, hojjaa adda ta’e, qaama adda ta’e qaba. Ilmaaf: - Bifa adda ta’e, hojja adda ta’e qaama adda ta’e qaba. Hafuura Qulqulluuf: - Bifa adda ta’e, hojjaa adda ta’e qaama adda ta’e qaba.
3. Hijiin/Hojii Aangoofi Hojii Qaamaan/ Hijiin qaama Abbaa Dhaluufi Dalchuudha Hojiin qaama Ilmaa Dhalachuudha Hojiin qaama Hafuura Qulqulluu Buluudha.
Sillaaseen: - walitti bu’iinsa maqaa akkuma hinqabne hunda walitti bu’iinsa hojiis hiqaban. Kunis:- Abbaan Abbaa dha malee gara ilma ta’uutti hindeebi’u. (Dhalchaa, Bulchaa dha malee Dhalataa yookin Bulaa hinjedhamu.) Ilmi Ilma malee gara Abbaa ta’uutti hinjijjiiramu. (Dhalataa dha malee Dhalchaa yookin Bulchaa hinjedhamu.) Afuurri Qulqulluun lubbuu dha malee gara Abbaa yookin Ilma ta’uutti hinjijjiiramu hojiin dhaabbatoowwani. (Bulaa dha malee Dhalataa yookin Bulchaa hinjedhamu.) Hojii gochaanii Abbaan Laphee, Ilmi Jecha, Afuurri Qulqulluun Lubbuudha. Abbaan Ilma kanargamsiise laphummaadhani. Ilmi Abbaa irraa kan argame jechummaadhani. Afuurri Qulqulluun Abbaa irraa kanargame afuurummaadhani. Abbaan Ilmaafi Afuura Qulqulluuf Laphee isaaniti. Ilmi Abbaafii Afuura Qulqulluuf Jecha isaaniti. Afuurri Qulqulluun Abbaafi Ilmaaf Lubbuu isaaniti. Iccitii Foonummaa “Ilmatti kan amanu jireenya bara baraa qaba.” / Yohaa 3:46/ Barnoota iccitii foonummaatti; Waaqayyoon nama ta’e, namni Waaqa ta’e barnoota jedhu iccitii barnoota fayyinaa itti barannudha. Waaqayyoon maalif Nama ta’e? Bilisummaa namaa deebisuufi. ( uuma 2:15-17, uuma 3:17) Xurii Addaam irraa qulqulleessufi. Bittaa cunqursaa irraa baasuufi. (gala 5:1) Nageenya, araara kennuufi. (luq 14) Murtiin du’aa Addaam kan ka’u du’a Waaqayyootin waan ta’eefi. Hojiilee aarsaa fi fakkeenya ta’an hojjachuuf dhugumatti nama, dhugumatti Waaqa ta’uun waan irra jiraatefi. Waadaa galame, raajii dubbatame galmaan ga’uufi. Nama kanta’e eenyu? Jecha Ilma; Iyyasuus kiristoos qaama Isaa adda ta’een nama ta’e. /Mate 2:1/ “Addaam nuti gidduudhaa akka tokkoon keenyaa ta’e.” /Uuma 3:22, Isa 9:6, Mul 22:13/ “ Garaatti ni baatta, Ilma dhiiraas nideessa maqaa isaas Iyyasuus jettaani. ( Luk 1:32, Isa 7:14) “Jalqaba Jechatu ture.” ( Yoha 1:1, Yoha 14:9)
Dubbisa Gargaarsaa 2.2 2.
Qabeenyawwan Mana Kiristaanaa:-
C. Iccitii Cuuphaa Seera Oorititti:- Xurii foonii irraa Dhibee nafaa ( Lamtsii) irraa Dhangala’oo qaamaa irraa Abaaboo ji’aa irraa Dhaluu … kkf irraa qulqullaa’uuf / Leew 15:1-55, 13:1-45/ Seera Wangeelaatti:- Waaqayyo irraa kennaa daa’imummaa argachuuf Mallattoo Iccitii Sillaasee, Iccitii Foonummaatti amanuuti Fakkeenya du’aafii Du’aa ka’uu Kiristoos waanta’eef Cubbuu kan balleessu, mootummaa samii kan nudhaalchisu Cuuphaa kan hundeesse Fayyisaa Addunyaa Kiristoosi Kiristoos kan cuuphame waggaa 30ffaa isaatti Kan keenya ammoo guyyaa 40ffaa fi 80ffaatti. Maaliif yookaa jedhame, Addaamif Heewaan daa’imummaa argatanii gara Gannat kan seenan guyyaa 40ffaa fi guyyaa 80ffaa isaanitti waanta’eef; akkasumas bara Kakuu Moofaatti dhiirri dhalatee guyyaa 40ffaa isaatti dubartiin ammo dhalattee guyyaa 80ffaa isheetti gara Mana Qulqullummaatti galu waan tureef. Namni kamiyyuu otoo hincuuphamin yoo boqote/du’e/ maatiin isaas itti gaafatamu waan ta’eef /eenyumtuu bishaanifi afuura irraa yookaa dhalate malee jiruu bara baraa hinargatu waanjedhameef/ Waan gaariif waldursuun barbaachisaa waan ta’eef. Abbootiin keenya waan murteessaniif.
D. Iccitii Qurbaanaa
Qurbaanni maali? Kennaa, aarsaa, araarchisaa Waaqayyoof kan dhiyeessan gara Waaqayyootti kan nudhiyeessu Yoom jalqabame? Balleesaa namaa /Addaamiin/ as Balleessaa duriin as (Uuma 4:3-8) Maal maal irraa dhiyaata? Beellada irraa, allaattiwwan irraa, kuduraalee irraa, sanyii midhaanii irraa Bifa isaa:- Kan naga’aa, kan araaraa, kan fayyinaa, kan galataa, kan cubbuu, kan gaabbii, kan dibataa... Kkf. Faayidaan inni laatu Fayyina foonii Yeroof araara fii nageenya Yeroof arjoomina foonii lafa irratii Abdii Abbootii Qurbaana Kakuu Haaraaa Kan jalqabame Kiristoosini /Mate26:26/ Foon lubbuun adda ba’e, kan Balfanni itti makame, foon ilma Waaqayyoo, Dhiiga ilma Waaqayyooti. Tokkummaa Kiristoos waliinii ni argamsiisa Jireenya bara baraa ni argamsiisa (yoh 6:55) Cubbuu ni balleessa (yoh1:59) Aarsaaf rakkina inni fannoo irratti arge Sana nuti yaadachiisa. /Qor1ffaa11,24,26/ Fooniif dhiiga isaa isa dhugaati. (Qor 1ffaa 11:27-30) Iccitiin Qurbaanaa warra Waaqa Abbaa, Kan Ilma, Kan Afuura Qulqulluu, Waaqayyo tokkotti amananiif kanlaatamudha. Warra jireenya gaabbiif of bichisiisaniif laatama. Iccitiiwwan hundumtuu Fooniif Dhiiga isaatiin chaappa’u. Dubbisa Gargaarsaa 2.3 2. Dubbii jiruu bara baraa E. Iccitii Du’aa ka’uu Kiristoosin hundaa’e. (Mar16:6, Romee6:5) Fooniin deebi’anii ka’uu warra du’aniiti. ( Qor 1ffaa 15:32) Diigamanii, dikaa’anii hafuu irraa adda ba’uudha. ( Mate 22:30) Dikaa’uun ni awwaalama, dikaa’uu dhiisuun ni ka’a. (Qor 1ffaa 15:42) Qulqulloonni Dhugoonni mirga isaa, cubbamtoonni ammo bitaa isaat dhaabbatu. (Maat 25:32) Dhugoonni gatii isaanii cubbamtoonni ammoo adabbii isaanii nifudhatu. Namootni akka Qulqulloota Ergamootaatti jiraatu. /Maat 22:/ Addunyaa hindabarre keessa jiraatu. (Mate 25:46) Kandursu ka’uumsa lapheeti Gaabbuu, qalbii deebifachuu, gadduu, gaabbiin deebi’uu. Kadhachuu, soomuu fi qorrobuu/fooniif dhiiga isaa fudhachuu/. ( Mul 20:6) Dubbisa Gargaarsaa 2.4
Iccitiiwwan bu’uurawoo shananan akkamiin haabarsiisnu? Iccitiiwwan bu’uurawoon shanan bu’uraalee barnoota Mana Kiristaanati. Amantoonni beekuun isaan irraa eegama. Barnootaalee kana irratti ga’een barsiistotaa guddaadha. Iccitii Sillaasee: - Amala Lubbuutiin (Qalbeeffattuu, dubbattuu fii jiraattuu.) Aduudhan (Geengoo, ifaafii hoo’a isheetin) Ibiddaan (Laboobbii, ifaafi hoo’a isaatin) Iccitii foonii:- sibiila gara malee hoo’en, ijaafi ifaan (Yoh1:9) Lalisni laboobbii waliin (Bahi 3:1) Galma cufameen (Hiz 44:1) Walitti makamuu foonifi lubbuutin Tawaahidoo (Walmakii) yoojennu:- Akka aannaniifi bunaatti, akka dammaafii bishaaniitti wal balleessuu, walitti makamuu, walnyaachuu hinqabaatu. Akka zayitaafi bishaaniittis addaan ba’uu hinqabaatu. Akka siiqqee Muuseefi akka haadha manaa Loox jijjiiramuu hin qabaatu. Otoo hinjijjiiramin,
otoo adda hinba’in, otoo hinida’amin,
otoo walitti hinmakamin qaama lama irraa qaama tokko, amala lama irraa amala tokko ta’e Jenna malee. Iccitii du’aa ka’uu warra du’anii Gumaa qamadiitin Oyruu fi sanyii qoteebulaatiin Biyyee fi sanyiidhan…kkf fakkaata. Amantaafi Hojii
A. Hafuurawaa Ilaaluu Amanuu
B. Foonii Qotuu, daldaluu, ilaaluu, amanuu Hinmul’atu Nimul’ata Hinqabamu Niqabama Kan mul’atu :- soomana, kadhannaa, jaalala, nagaa Amantaan hojii malee hinmul’atu, Nama hinqulqulleessu. Amantaan hojii gaarii nideeggara, nijajjabeessa Hojii hojjachuutti hinlaafinaa (Romee 12:10) Amantiin dadhaboowwan nibalaaleffata. (Tas 2ffaa 3:10) Amanaiin hojii malee hojiinis Amantaa malee bu’a qabeessa hinta’an. Hojii :- ajaja waaqayyooti. (Uuma 2:15) Amanamummaan kan ittiin ibsamudha. ( Maate 25:14-30) Sababa gatiiti. ( Maate 20:1-15) Kiristaanummaan amantii hojii waliin walitti qabanii qabachuudha.
Dubbisa Gargaarsaa 3.1
Amantaa fi ilaalchawwan adda addaa
3.1 Amantaa fi Aadaa
Aadaan, Saba /Biyya/, naannoo, ganda tokko keessatti Kan mul’atu haala jireenya yeroo dheerati. Fakkeenyaaf: -Haala nyaataatin -Haala dubbiitin -Haala uffataatiif Kan kana fakkaataniin ibsama.
A. Aadaa faayidaa qabu /Kan foonii/ Waliin nyaachuu Waliin hojjachuu Gaddaafi gammachuutti qooda fudhachuu
B. Aadaa faayidaa qabu /Kan foonii/ Kabaja ayyaanaa /ayyaana cuuphaa, ayyaana Dhaloota Kiristoos/ Hirmaannaa waldaalee Akkaataa nagaa itti walgaafatan, sirna gaa’elaa Walumaagalatti aadaa walgargaaruu…kkf
c.Aadaa badaa /aadaa miidhaa fidu/ Umrii malee /daa’imummaan/ sirna gaa’elaa raawwachuu Fuudhaafii heeruma irra deddeebii Wal ajjeesuu Ekeraa dubbisuu, qaalluu…kkf
D. Amantaa Hinjijjiiramu Ka’uumsi isaa Waaqayyo Galmi isaas Waaqayyo dha Aadaawwan gaggaarii ni guddisa nikabajas Aadaa badaawwan nibalaaleffata.
E. Aadaan Akka iddoofi sabootaatti gargar ta’uu danda’a Sababootaan uumamuu nidanda’a Amantaa kan fayyadus kan miidhus ta’uu danda’a Walumaagalatti Amantaa Mana Kiristaanaa Ortodoksii keessatti Aadaa Amantawaa malee Amantaa Aadawaan hinjiru.
Dubbisa Gargaarsaa 3.2
3.2 Amantaafi Saayinsii
Saayinsiin Mana Kiristaanaatiif:- Saffisa hojiitiif /mala walquunnamtiitin/ Raga abdachiisaatiif /herreegan, qabeenya seenaa/ Akkaataa eegumsa qabeenya seenaa Malawwan bulchiinsaa Akkaataa gabaasa seenaatiif /dhalootaa haga du’aatti/ Guddina diinagdeef Dhiibbaan Amantaa irratti fidu:- Waaqayyo irra saayinsiitti abdii gatuu Heerota Amantaa dadhabsuu Ilaalcha wantawaa qofa jabeessuu Seera uumamaa jal’isuu fii jijjiiruu Argamoota Amantaa jal’isuufi jijjiiruu Argamoota Amantaa tilmaama gochuu ... kkf 3 Amantaa fi Falaasama Falaasama jechuun beekumsa, qaroomina, qo’annaa… kkf jechuudha. Falaasaa/nama falaasamaa/ jechuun Nama qaroominaa, beekumsaa, qorannoo …kkf jechuudha.
Faayidaa falaasamni Amantaaf qabu:-
Namoonni haala jireenya barame keessaa gara ilaalcha fooyya’aatti akka guddatan gochuu Wantoota haaraafii faayidaa qaban ni gabbisa Sammuu gaafatuufi gaafatamu ni jajjabeessa Qo’annoo wantoota uumamoo ta’aniin gara Waaqayyootti akka dhiyaannu nu affeera, nutti agarsiisas Isaan armaan olitti caqafaman haalan itti fayyadamuuf qo’annichi haala sirrii ta’e kanqabaatu ta’uu qaba.
Dhiibbaan inni Amantaa irratti fidu:-
Falaasamni haala sirrii ta’een yookaa itti fayyadaman malee dhiibbaan inni geessisu salphaa miti. Fooniin qaroomuu malee hafuurummaa hinguddisu Fakkeenyaf: - gaarummaa, jaalala, of gadiqabuu xiqqeessee agarsiisuu Qaroomina fooniitti qofa akka abdatamu godha Jiruu ilma namaa isa barabaraa gara jiruu yeroofii qofatti gadi xiqqeessa Gara gantummaatti nama oofa /Ghinoostiikota/ Seeraafi heera Amantaa dadhabsa Amantaaf miidhamuun, lubbuuf cinqamuun, gatii hinqabu jedheetu amana kkf. Kitaabota qulqulluun qaroomina falaasamaa jechuun, Waaqayyo sodaachuu, duuka isaa bu’uu, isa amanuu, isaaf amanamuudha. Qaroominni inni dhumaa Waaqayyo qofadha. /Dan 2:20/ qaroowwan otoo jedhanuu dahaboo ta’an.
3.4 Bu’aawwan Teknooloojii
A. Faayidaa teknooloojiin Mana Kiristaanaaf laatu:- Lallabbii wangeelaa haala adda addaatiin dabarsuuf Baay’ina Manneen Kiristaanaafi amantootaa galmeessuuf Amantoota fagoofi dhihoo tajaajilaan walitti dhiyeessuuf Tajaajila saffisiisuufi si’eessuf Qabeenyawwan seenaa kunuunsuf Manneen Kiristaanaa Obbolootaa waliin walquunnamuuf Qophii Heera barnootaatiif Barnoota fagoo laachuuf kkf.
B. Dhiibbaan inni fidu:- Amantaa ni dadhabsa /teknooloojii abdachuu/ Heera cabsa /dhimma dhabuu, maal qaba jechuu/ Seerri Waaqayyoo akka cabu ni jajjabeessa /fakkeenyaf dhaluu, garaatti baachuu/ Yeroo hafuurawaafi tajaajilaa fudhachuu /fakkeenyaaf tapha kubbaa/ Jiruu hafuurawaafii namootaan walii ni qorrisiisa... kkf.
Guduunfaa
Barnoota Amantaa Dhugaa
Seensa
Amantaan:- addunyaa isa mul’atuutiinis isa hin mul’anneetiinis oli.Amantaan beekumsa beekumsaan oliiti.
Amantaan hayyama Waaqayyootiin kan mul’atedha.
Amantaan yaada fi qaroomina fooniitiin qoratamee kan irra ga’amu miti. Namni tokko yoo lafa kana irra jiraatu wantoota sadi’i hubachuu qaba. Isaanis:- Barbaachisummaa Amantaa (Ibroota 11:6)
Garaagarummaa fi tokkommaa Amantaa fi Falaasamaa.
Amantaan tikfamee jiraachuu.
Isinhoo obboleeyyan keenya, “Amantaan of ijaaraa jiraadhaa /dhaabbadhaa /” akkuma jedhamee barreeffame Amantaa hordofuu, beekuufi Amantaan jiraachuun barbaachisaa ta’uu isaa hubachuu qabdu. /Yihud 1:20/.
Kaayyoon leenjii kanaa gabaabumatti
“Hunda dura Amantaa haa barannu” /Abbootii Jaarraa Sadaffaan/ akkuma jedhamee ajajametti
- Amantaa beekufi beeksisuun hojii isa jalqabaa ta’uu isaa qayyabachiisuuf.
- Namni tokko isa itti amane, isa beekee fi isa hubate kanniin birootiif ibsuuf itti gaafatamummaa akka qabu agarsiisuf. /Mat 28:20/.
- Dhaloota Amantaa falaasama irraan, falaasama Amantaa irran adda baasee hubannoo argate ijaarufi.
- Kanaaf, kaayyon inni guddaan leenjii kanaa, leenjitoonni waa’ee Amantaan of ijaaranii ga’ee namoota biroo barsiisuu fi ijaaruu taphachuu akka danda’an taasisuu akka ta’e hubannoo keessa galchuun barbaachisaadha. “Kan isin gaafatan maraaf deebii laachuu akka dandeessan yeroo hunda kan qophooftan ta’aa.” /Phet 1ffaa 3:15/. “Barsiisota gaafattanii, kitaabolee dubbistanii, laphee irraa beektanii, qophooftanii jiraadhaa” akkuma jedhame.

- Ilma namaaf qabeenyi lafaas kan samiis, kan jalqabaas kan xumuraas Amantaa isaati.
- Namni Amantaatti Amanu maal akka amanuufi eenyutti akka amanu adda baasee beekuun barbaachisaadha.
- Amantaa falaasamaan, falaasamas aamantaan sirriin adda baasun barbaachisaadha Falaasanii seera Waaqayyoo beekuun hindanda’amu
- Falaasama gaarii Amantaan hinbalaaleffatu
- Amanaa hojjachuun, qaroomuun, qaroomaanii Amanuun ni danda’ama. Gargaarsi Waaqayyoo nu waliin haata’u.
ምንም አስተያየቶች የሉም:
አስተያየት ይለጥፉ