Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu waaqa tokko ameen!!!
1. Waaqa koo Waaqa koo maaliif na dhiiste?/Eelohee(2x) eelmas laamaa-sabaqatanii( Mat. 27:46)
Kana Gooftaan ol kaasee dhageessisuun kan dubbate guyyaa keessaa sa’aatii sagalitti ture. Inni Waaqa ta’ee osoo jiruu maaliif Waaqa koo Waaqa koo jedhee dubbate yoo jedhan baroota hedduudhaaf(5500) seera Waaqayyoorraa fagaatee gatamuudhaan kan jiraate foon Addaam uffatee nama ta’uu isaa ibsuudhaafi. Akkasumas bakka Addaam bu’ee kadhannaa/booyicha Addaam dhiyeessuudhaafi. Raajiiwwan isaaf dubbataman akka raawwate ibsuuf . Inni biraa immoo seexana (Ergamaa duu’aa) gara isaatti dhiyeessudhaafi ture kana kan inni dubbateef.
2. Yaa Abbaa waan godhan hin beekaniitii ati dhiisiif(Luq. 23:34)
Fannisuu isaanii malee eenyuun akka fannisan hin beekan waan tureefi. Akkasumas gidiraa yemmuu nurratti raawwatan, diinota keenyaaf kadhachuu akka qabnu nu barsiisuufi. Dhukkubsattoota malee warri fayyaan qoricha isaan hin barbaachisu akkuma jedhe, ani cubbamootan waamuu dhufe malee qulqulloota miti ( Mat. 9:12) isa jedhe hojiidhaan ifatti mul’isuuf. Inni garaa-laafessa ta’uusaa ibsuudhaaf jecha raajii( Isa.53:9) irratti kan dubbatame “akka saamtotaatti lakkaa’amee diraa’ota waliin gidirfame, garuu inni cubbuu namoota baay’ee baatee warra garaa jabaataniif kadhate”, kan jedhu raawwate jechuufi.
3. Har’a ana waliin Gannata keessa ni teessa/taata (Luq. 23:35-43)
Iyyasuus Kiristoos isa fannifamee fi du’e, du’a moo’ee ka’e inni dhugumatti Waaqayyo jechuudhaan Waaqummaa isaatti amananii warri laphee qulqulluudhaan kadhatan hundi motummaa isaa duraan dhabne/ganne sana deebinee lammaffaa akka argannuu fi itti gallu/dhaallu yemmuu ibsuudha. “Dhugaa dubbatanii bakka namatti dhiite bulu” akkuma jedhamu dhugaatti(Yoh. 14:6) amannee ragaa baanee akka isa gara mirgaatti fannifamee(Xiixoos) sana gooftaa waliin mootummaa isaatti hirmaachuu nuuf wayya waan ta’eef adaraa yaa saba Waaqayyoo dhugaadhaaf raga bahaa(Yoh.3:11,14:6). Waa’ee Iyyassus Kiristoos eessumattuu ragaa bahaa(Yoh. 3:11).
4. Yaa Abbaa Lubbuu/Ruuhii/ koo harka keettan imaanaa sitti kennadha.(Luq. 23:46)
Jecha kana kan dubbateef foon dubbachuu isaa ibsuu fi lubbuuwwan gita bittaa garbummaa Seexanaa jala turan bilisa bahuun gara bakka bilisummaa taate mootummaa Waaqayyoo galan jechuudhaa fi malee inni matuma isaatiin ‘Waaqa Waaqoliiti’.Gal.5:1.Kuni kan ibsu nutis gara Waaqayyootti yemmuu deemnu Lubbuu koo harka keettiin laadha jechuu akka qabnudha.
5. Kunoo mucaa kee, kunoo haadha kee(Yoh. 19:26-27)
Jecha kana kan dubbateef haadha isaa fi jaalatamaa isaa kan ta’e Yohaannis ilma Zebdiyoosidhaafi. Hanga Qaraaniyootti warra hordofanii dhaabbataniif Iyyasuus fannoorra osoo jiruu dubbateef. Kuni ammo isaan lamaan gidduutti qofa hafa osoo hin taane har’as isheen nu’iif haadha keenya. Nutis isheedhaaf ijoollee isheeti. “osoo Waaqayyo sanyii nuuf hin hanbisne ta’ee akka Sodoomii taanee akka Gamooraa fakkaanna ture.” (Isa.1:9.) kan jedhames haadha keenya durboo Maariyaamiidhaani. Kun ammo kan ta’e Hafuurri Qulqulluu ishee golgee eeguudhaani. Kanaaf karaa Yohaannisiin nuuf kennamteetti waan ta’eef akkuma inni gara mana isaatti fudhatee gale sana nutis haadha keenya Maariyaamii gara mana keenyaatti fudhaachuu qabna. Jechuun araarsummaa isheetti amanuu qabna.
6. Nan dheebodhe (Yoh. 19:28)
Kitaaba irratti nyaata kootti dhangaggaa’aa makan kan jedhame(Far.21:15,68:21) akka raawwatuuf ‘dheebodhe’ jedhe. Akkasumas Waaqayyo foon dheebotu, beela’u uffachuu isaa ibsuudhaafi. Ilma namaatirraa cubbuu akka hadhooftuu dhangaggaa’u balleesse/ haqee gatee yoo jedhu dhandhamee tufuun cubbuu keenya nurraa haquu isaa ibsa. Kuni kan ibsu Waaqni bishaan uume bishaan dhabee dheebote jechuu osoo hin taane ilma namaa irraa jaalala, tolummaa, gaarumma dhabe/dheebodhe yoo jedhuudha. Kanaaf Waaaqayyo keenya laphee qulqulluudhaan jaalachuu qabna.
7. Ni raawwate (Yoh. 19:30)
Wanti kitaaba irratti barraa’e hundi raawwate yoo jedhuudha. Kana jechuun raajni Raajota qaaqqabuu isaa fi ijoolleen Addaam Gannata keessaa ari’amanii Si’oolii keessa jiraachaa kan turan erganaa ga’e/dhumateera jechuu isaati. Araddaa isaanii Gannata akka dhaalan hojiin fayyinaa rawwatame hojjetame yoo jedhudha. Fayyina keenya kan ittiin rageesse/mirkaneesse du’a isaatiin waan ta’eef dhumate jedhe. Kun hundumti isaa kan ta’eef nu fayyisuuf jecha gooftaan al- tokko fannoorratti aarsaa ta’uun of dhiyeessee bara baraaf cubbuu irraa bilisa nu baasuuf raawwii/tolummaa inni raawwateeni. Nutoo Waaqa hangana nu jaalate kana hangam abboomamneefii jirraa? Hangam jaalachaa jirraa? Hangam galateeffachaa jirraa? Dhuguamatti laphee qulqulluudhaan waaqeffachaa jirraayii? Deebiin isaa nu’ii fi isa gidduutti haa ta’u. “Waanuma maraafuu Abbaan hin rafuu” akkuma jedhamu bakkuma jirrutti kennaa nuuf laatameen cimnee tokkummaadhaan taanee laphee qulqulluudhaan uumaa Keenya yaa Waaqessinu haa galateeffannu.
Faasikaa/Irra Darbaa/pass over
Faasikaan/Irra darbaan keenya Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosi(1Qor.5:7). Kan irra darbe kun kakuu moofaa keeessatti ergamaa du’a baatee deemu ture.(Ba’u.12:3-16). Yeroo ammaa kana irra darbaan/faasikaan dhugaa ta’ee fi al-tokko du’a jalaa nu baase ilma Maariyaamii kan ta’e Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosi,innis nuuf qalameera waan ta’eef(1Qor.5:7,Yoh.19:28,Mat.26:26).Hoolaa qulqulluun dhugumatti cubbuu addunyaa haquun du’a jalaa nama baasu Iyyasuus Kiristoos qofa wanti biraa tasumaa nu fayyisuu hin danda’u(Yoh.1:29). Kanaaf bara kakuu moofaa keessatti hoolaa qaluun baroota hedduuf ayyaana kana kabajaa turan. Har’a garuu nuti kabajuu kan qabnu foon hoolaa isa dhugaa ta’e kan gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos nyaachuunii fi dhiiga isaa dhuguudhaan ta’uu qaba malee hoolaa ykn lukkuu ykn re’ee qaluun nyaachuun tasumaa nu hin fayyadu, nu hin fayyisu. Kanaaf isa nu fayyisu jireenya barabaraa nuuf kennutti yaa hoognu. Foon koo kan nyaate,dhiiga koos an dhuge jireenya barabaraa argata jedha waan ta’eef(Yoh.6:53). Kanaaf yaa obboloota koo hoolaa faasikaa (foonii fi dhiiga gooftaa) nyaachuuf of haa qopheesinu. Kennaan Abbaa jaalalli Ilmaa tokkummaan Afuura qulqulluu hunda keenya waliin haa ta’u! ameen!Ayyana gaarii!!!
Dn Daanyaachoo Hirphasaa
GBI;;;;;;;;;;
ምላሽ ይስጡሰርዝ