Ergamoota Qulqullaa'oo
Dn Daanyaachow hirphasaatin
Ergamoonni kan uumaman guyyaa calqabaa gaafa Dilbataati. Waaqayyo Yemmu ergamtoota Isaa uumettis bakka hin jirree gara jireenyaatti isaan fidee uumeera.
Namoonni
tokko tokko garuu sagalee Raajaa Waaqayyoo Daawitiin “Ergamootasaa
afuura (qilleensa) taasisa; tajaajiltoota Isaas laboobin abiddaa
taasise” (Faar.103:4) jedhu qabachuudhaan egamoonni kan uumaman uumama irraa innis qilleensaa fi ibidda irraati jechuun yemmu dubbatan ni dhagahama.
Haa ta’u malee raajaan Daawit yemmu kana jedhu ergamtoonni maal irraa akka uumaman ibsuuf osoo hin taane Ergamoonni Waaqayyoo akka abiddaa kan xuqamuu hin dandeenye, akka qilleensaa saffisoota taasisee isaan uume jechuu akka ta’e abbootiin ni barsiisu.
Kunis
kallattiin waa’ee tajaajila isaanii kan ilaallatudha. Abiddii fi
qilleensi tajaajila Ergamootaaf fakkeeffamee yeroo ibsamu kan
agarsiisudha. Ibiddi cimaadha, harkaan qaqqabatamuu hin danda’u,
ergamtoonni Waaqayyoos cimoodha,
Qilleensi
saffisaadha; ijaan argamuu hin danda’u akkasuma ergamtoonni Waaqatyyoos
tajaajilaaf saffisootadha kan ijaan hin argamnedha. Kanaaf Raajichi
daawwit caqasa armaan olii kana kan dubbateef tajaajila ergamtootaa
ibsuuf malee ka’umsa uumama isaanii ibsuuf maal irraa akka uumamanis
caqasuuf miti jechuudha.Kana haata’uyyuu malee mudaan abiddaa fi
qilleessa irra jiru qulqulloota Ergamootarra akka hin jirre hubachhu
qabna.
Waaqayyo
ergamoota Isaa uumee seeraa fi sirna malee akkasumaan kan dhiise osoo
hin taane qomootiin qoodee magaala hiree isaan teessiseera.
Kunis qulqulluu Eephiifaaniyoos kitaaba isaa “Aksiimaaroos” jedhamee beekamu irratti “Waaqayyo
Ergamootasaa guyyaa sanbata guddaa (Dilbataa) uumee magaalota Sadii ,
isaanis, Iyyoor, Raamaa fi Eerer keessa isaan kaa’e, magaalaatiin
Sadii, qoomootiin Dhibba taasisee isaan remade” jechuun ibseera.
Ergamoonni
qulquloonni qoomootiin akka dhibba ta’an Gooftaan keenya Iyyasuus
Kiristoos wangeela Isaarratti “Maal isinitti fakkaata? Namni tokko
hoolota Dhibba tokko yoo qabaate isaan keessaas osoo tokko badee warra
Sagaltamii Sagal sana tulluu (gaara) irratti dhiisee deemuun isa bade
tokko sana hin barbaaduwoo?” jechuun fakkeenyaan barsiiseera.
(Maat.18:12)
Bakka hangafa Ergamootaa isa duraa Saaxinaa’eel bakka kan bu’ee booda sababii yakka dalageen gara biyya gidiraatti kan bade abbaa hunda keenya Addaamidha.
Angafoota Ergamootaa
Waaqayyo
ergamoota uumee seeraa fi qajeelfama malee akkasumaan isaan hin
dhiisne. Akkuma armaan olitti ilaalle magaalota sadii fi qomoo dhibbaan
isaan qoodee yemmu muudetti angafoota( dursitoota) ammo isaaniif muudee
jira.
Egaa,
angafoota ergamtootaa yemmu jennu dursitoota( hooggantoota) ibsuuf kan
itti fayyadamnudha malee ergamtoota keessa umuriidhaan waldursanii
angafaa fi quxisuu jechuun adda baasuuf miti.
Ergamtoonni
angafoota qabaachuu isaaniis kitaaba qulqulluu irratti bakka adda
addaatti karaa tokkoonis ta’e karaa biraa barreeffamee argina. Qulqulluu
Yohaannis abbaa wangeelaa mul’ata isaa keessatti:- “ Ergamtoota turban
Waaqayyo fuuldura dhaabatan arge” ( Mul.8:2) jechuun ergamtoonni
angafootaa (dursitootni) torba jiraachuu isaanii nuuf ibsa.
Heenook
immoo kitaaba isaa keessatti ergamoota muraasa maqaadhaan adda baasee
Uraa’eel, Rufaa’eel, Raagu’eel, Mikaa’eel, Saraqaa’eel,Gabri’eel jechuun
waamee jira( Hen.6:1-7)
Raajichi
Daani’eel ammo qulqulluu Mikaa’elii fi Qulqulluu Gabri’eeliin
maqaadhaan adda baasee waamee kan jiru ( Daan. 8:16; 10:13) yoo ta’u,
kitaaba Iyyaasuu Ilma Nawwee irratti ammo qulqullichi Mikaa’el “dursaa
raayyota Waaqayyoo” akka ta’e ankii ykn aangoo isaa wajjin ibsamee jira
( Iyyaasuu 5:15).
Qulqullichi
Luuqaas Wangeela isaa irratti maqaa qulqulluu Gabri’eel kan caqase (
Luuq.1:19) yoo ta’u, qulqullichi Phaawuloos ammoo ergaa isaa gara
tasaloonqeetti barreesseen “ sagalee dursaa ergamtootaatiin samii irraa
bu’a” jechuudhaan qulqullicha Mikaa’el caqaseera( 1Tas.4:16)
Kitaaba
Xoobiit irratti “ kan kadhannaa qulqullootaa gara Waaqayyootti ol
baasan; kan gara Gooftummaa Waaqayyoo isa kabajamee fi ol ol qabameettis
kan galchan ergamtoota dursitoota kabajamoo toorban keessaa ani
Rufaa’el tokkodha” ( Xoob.12:15) jechuun ergamtoonni angafootaa torba
ta’uu isaanii ibsee jira.
Ergaa
yihudaa irratti ammo “ dursaa ergamtootaa qulqulluu Mikaa’el” akka
ta’e kan caqase ( Yihu.lakk.9) yoo ta’u, mul’ata Yohaannis irrattis“
Mikaa’elii fi ergamoonni isaa …. ( Mul.12:7) jechuu isaatiin qulqulluu
Mikaa’el angafummaa ( hoogganummaa)dhaan ergamtoonni qulqulloonni inni
irratti muudame jiraachuu nuuf ibsa.
Egaa
abbaa hundumaa kan ta’e Waaqayyo uumama uumee seeraa fi sirna malee
akkanumaan kan hin dhiifne ta’uu hubanna. Ergamtoota Isaatiif illee
seera baasee, Magaalaa uumee ankii fi aangoodhaan adda baasee akka isaan
wal hoggananii fi waliif hoogganaman taassisuudhaan akka isaan muude
hubanna.
Akka
kitaaba aksiimaaroos irraa hubannutti Waaqayyo ergamoota Isaa magaalota
sadim keessa yemmu isaan kaa’u, qomoodhaan qoodee, hoogganaa muudee
ta’uu isaa haala armaan gadiitiin nuuf ibsee jira.
1. Iyyoor
Waaqayyoo
samii Iyyoor keessatti qoomota Ergamoota Afurtma ramadeera. Isaaniinis
bakka Afuritti qoodee Hooggantoota Afuur muudeef.
Iyyooriinis akka gamoo fooqii taasisee kutaa Afuritti ishee qoodeen. Magaalaa isa irra keessatti qoomoo kudhan qoodee Agaa’izt jedhee isaan moggaasee Saaxinaa’eeliinhooganaa isaanii taasise muudeen.
Magaalaa isa Lammaffaa irratti qoomoo kudhan qoodee Kiiruubeel jedhee eega moggaseenii booda Ergamaa Kiiruub jedhamuu hoogganaa taasisee muudeef. Hizqi 10:1.
Magaalaa isa Sadaffaa irratti qoomoo kudhan qoodee Suraafeel jedhee moggaasee booda Ergamaa Suuraafii jedhamu hoogganaa taasisee muudeef.
Magaalaa isa Afuraffaa irratti qoomoo kudhan qoodee Hayilaat jedhee moggaasee booda qulqulluu Miikaa’eelii hoogganaa taasisee isaaniif muudeen. 1Pheexi 3:22. “Ani oogganaa raayyota Waaqayyoo ta’een amma dhufeera.” Iyya.5:14, “Oogganaa keessan Miikaa’elii malee eenyuyyuu kan na jajjabeessu hin jiru. Daan10: 21, “Oogganaa inni guddaan Miikaa’eeliin ni ka’a” Daan.12:1, “Hangafni Ergamootaa qulqulluu Miikaa’eeliin
yennaa Diiyaabiiloosii wajjiin falmetti waa’ee foon (reeffa) Musee
yennaa dubbatetti gooftaan siin haa ifatu jedheen” Yuhu.Lakko.9
2. Raamaa
Waaqayyo
sammii Raamaa keessa qoommo Ergamootaa Soddoma ramadeen. Isaanis bakka
Saditti qoodee Hooggantoota Sadi isaaniif muude.
Raamaas bakka Sadiitti qoodeen. Magaalaa ishee jalqabaa irratti qoomota Kudhan qoodee Arbaab jedhee eega moggaasee booda qulqulluu Gabri’eel hoogganaa taasise muudeef.
Magaalaa ishee Lammafaa keessa qomoo kudhan qoodee Manaabirt jedhee mooggaasee booda qulqulluu Rufaa’eel Oogganaa taasisee muudeef.
Magaalaa isa Sadaffaa keessatti qoomoo kudhan erga qoodee Silxaanaat jedhee eega moggaaseenii booda Ergamaa isa Sur’eel jedhamu hoogganaa taasiee muudeef. 1Pheex.3:22
3. Eerer
Waaqayyo Eereriin keessa qoomota Ergamootaa Soddoma ramade. Isaniins bakka Sadiitti qoodee Ooggantoota Sadii isaaniif ramade.
Magaalaa isa jalqabaa keessatti qoomoo Kurnaan Mekuwaaninti jedhee mooggasee booda Ergamaa isa Saadaka’eel jedhamu Oogganaa taasisee muudeef.
Magaalaa isa Lammaffaa keessatti qoomoo kudhan qoodee Liqaanaat jedhee moggaasee booda Ergamaa Salaataa’eel jedhamu muudeef.
Magaalaa isa Sadaffaa keessatti qoomoo Kudhan qoodee Melaa’ikt jeedhee eega moggaaseee booda Ergamaa Anaani’eel jedhamu hoogganaa taasisee muudeef.1Phex.3:22
EgaaErgamonni Waaqayyoo haala kanaan uumamanii qomoo fi magaalaatoonqoodaman dhala namaa fi Uumaa hundumaa kan ta’ee Waaqayyoon gidduutti tajaajilaaf saffisu. Waaqayyo
biraa dhiifama fi arjummaa Isaa gara dhala namaatti gadi fidu. “Yaa
Daani’eel ogummaa fi hubannoo akkan siif kennuuf amma gara kee dhufeera”
kan jedhu jechi qulqulluu Gabri’eel kana ibsa. (Daan.9:22)
Akkasumas kadhannaa fi aarsaa namootaa gara Waaqayyootti ol geessu (ol baasu). Kanaafis ragaa kan ta’u “Kadhannaa kee fi aarsaan kee (kennaan kee) gara Waaqayyootti ol ba’e.” kan jedhu jecha sagalee Ergamaa Waaqayyotidha. (Ho.du.bu.9:4).
Tajaajilli isanii inni guddaan garuu Waaqayyoon galateffachuudha. Yeroo hundumaa boqonnaa malee “Qulqulluu, qulqulluu, qulqulluu yaa Gooftaa raayyotaa Waaqayyo” jedhanii Sadummaa fi Tokkummaan kan jiraatu Waaqayyoon ni galateeffatu. Ergamoonni qulqulloonni akka kanani Uumaa isanii Waaqayyoon faarsaa jiraatu. Isa.6:3
ምንም አስተያየቶች የሉም:
አስተያየት ይለጥፉ