Obsa
Obsa jechuun kallattiin yeroo hiiknu dhiisuu, itti ilaalanii bira darbuu, callisanii ilaaluu, suutaa jechuu, hubbatanii ilaaluu, irraa darbuu fi kkf... jechuudha. Haa ta'u malee maal obsu obsuun waanta raawwatame darbe booda waan argine sanaan faalla kan ta'ee waan barbaadnuuf yoo waanti sun faallaa waanta nuti barbannu sanaa ta'ee argame; nu gaddisiisa. Haa ta'u malee obsuun ammoo waanta nu dallansiise waanta nu aarse sanaa callisaan yookin ittuma dhiisudhaan bira darbuu jechuudha.Obsa Argisiisuudhaan Fakkeenya Gooftaa Hordofaa
“Gooftaan wanta abdachiise raawwachuudhaaf hin seesu; . . . obsaan isiniif in danda’a.” —2 Phexros 3:9.
1. Gooftaan namootaaf kennaa guddaa akkamii qopheesseera?
GOOFTAAN wanta
eenyuyyuu nuu kennuu hin dandeenye nuu qopheesseera. Wanti kunis baay’ee
kan nama gammachiisuufi gati jabeessa waan ta’eef, eenyuyyuu bituu ykn
argachuun qaba jechuu hin danda’u. Kennaan kunis jireenya bara baraa
yeroo ta’u, innis baay’ee keenyaaf lafa jannata taaturra bara baraan
jiraachuuf kan nu dandeessisudha. (Yohannis 3:16)
Kennaan kun baay’ee kan nama gammachiisu mitii? Wantoonni gadda nurraan
ga’an jechuunis, walitti bu’iinsi, jal’inni, hiyyumni, yakki,
dhukkubniifi duuti hin jiraatan. Bulchiinsa Mootummaa Waaqayyoo jalatti
namoonni nagaafi tokkummaadhaan jiraatu. Kana argachuun baay’ee kan nama
hawwisiisu mitii?—Isaayaas 9:6, 7; Mul’ata 21:4, 5.
2. Gooftaan hanga ammaatti biyya lafaa Seexanaan qabame utuu hin balleessin kan ture maaliifi?
2 Gooftaan hanga guyyaa murtii isaatitti hundaanu callisset ilaala. Sababiinsaas, inni
qajeelummaafi murtoo sirrii waan jaallatuufidha. (Faarfannaa 33:5)
Biyyi lafaa seera bu’uuraa inni qajeelummaadhaaf baase jibbu, seera
bu’uuraasaa isa qajeelummaarratti hundaa’eef dantaa kan hin qabne,
aboosaa fudhachuu kan diduufi sabasaarra ari’atama geessisu ilaaluun isa
hin gammachiisu. Haata’u malee, hanga yoonaatti sirna Seexanaa isa
hamaa kanarratti tarkaanfii fudhachuu kan dhiise sababii quubsaa waan
qabuufidha. Sababiiwwan kun, gaaffiiwwan mirga Gooftaan wanta sirriifi
sirrii hin taane murteessuuf qaburratti ka’anii wajjin walitti dhufeenya
kan qabanidha. Gooftaanis dhimmawwan kanaaf furmaata kennuuf amala
baay’ee nama gammachiisuufi namoonni hedduun hin qabne jechuunis obsa
argisiiseera.
3. (a) Jechi Macaafa Qulqulluu
keessatti “obsa” jedhamee hiikame afaan Ibrootaafi afaan Giriikiitiin
hiika akkamii qaba? (b) Amma gaaffiiwwan akkamiitiif deebii barbaanna?
3 Macaafa Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa keessatti
jechi afaan Giriikii al sadii “obsa” jedhamee hiikame tokko jira. Innis
kallattiidhaan yeroo hiikamu “dheerina hafuuraa” jechuu yeroo ta’u,
yeroo baay’ee “danda’uu” al tokkommoo “obsa argisiisuu” jedhamee
hiikameera. Jechi afaan Giriikiitiinis ta’e afaan Ibrootaatiin “obsa”
jedhame, obsaan danda’uu akkasumas aariitti suuta jechuu kan
argisiisudha. Gooftaanis obsa argisiisuunsaa kan nu fayyadu akkamitti?
Obsa Gooftaa fi jabina tajaajiltootasaa warra amanamoo ta’anirraa barumsa
akkamii arganna? Obsisaa daangaa akka qabu akkamitti beekuu dandeenya?
Mee dhimmawwan kana haa ilaallu.
Obsa Gooftaa Hubadhaa
4. Phexros obsa GOOFTAA ilaalchisee maal jechuudhaan barreesseera?
4 Phexros
obsa Gooftaa ilaalchisee akkas jechuudhaan barreesseera: “Michoota koo!
Guyyaan tokko Goofticha biratti akka waggaa kumaa, waggaan kumnis akka
guyyaa tokkoo ta’uu isaa yaadatti qabadhaa! Gooftaan wanta abdachiise
raawwachuudhaaf hin seesu; akka namoonni tokko seesuutti isa lakkaa’an
miti. Inni, namoonni hundinuu yaada garaa isaanii akka geddaratan malee,
garri tokko iyyuu akka badan waan hin barbaanneef obsaan isiniif in
danda’a.” (2 Phexros 3:8, 9) Gooftaan maaliif akka obse hubachuuf, qabxiiwwan lamaan asirratti ibsaman qalbeeffadhaa.
5. Ilaalchi Gooftaan yeroodhaaf qabu gochasaarratti dhiibbaa kan fidu akkamitti?
5 Tokkoffaa,
ilaalchi Gooftaan yeroodhaaf qabu ilaalcha nuti qabnurraa addadha. Inni
bara baraan waan jiraatuuf waggaan kumni isaaf guyyaa tokkodha. Yeroon,
isa ittisuus ta’e isarratti dhiibbaa gochuu hin danda’u; rakkina uumame
hiikuuf garuu hin seesu. Gooftaan ogummaa daangaa hin qabne waan
qabuuf, namoota dhimmi kun isaan yaaddessu fayyaduuf jecha yoom
tarkaanfii fudhachuu akka qabu sirriitti beeka; hanga yeroon kun
ga’uttis obsaan eega. Ta’us, hanga guyyaan firdii ga’utti rakkina tajaajiltootasaarra ga’uuf dantaa hin qabu jennee yaaduu hin qabu. Gooftaan Waaqa jaalalaafi “oo’a” qabeessadha. (Luqaas 1:78; 1 Yohannis 4:8) Gara fuulduraattis rakkoowwan akka jiraatan heyyame guutummaatti balleessuu danda’a.—Faarfannaa 37:10.
6. Waa’ee Waaqayyoo maal jennee yaaduu hin qabnu? Maaliif?
6 Dhugaadha,
wanta barbaannu tokko hanga argannutti obsaan eeggachuun salphaa miti.
(Fakkeenya 13:12) Kanaafuu, namni tokko wanta jedhe dafee yoo raawwachuu
dhiise, warri kaan namni kun wanta sana gochuuf fedhii hin qabu
jedhanii yaaduu danda’u. Waaqayyos wanta jedhe raawwachuuf fedhii hin
qabu jedhanii yaaduun gowwummaadha. Obsa Waaqayyoo akka seesuutti yoo
fudhanne, shakkiitti, abdii kutachuufi karaa hafuuraa laafuutti nu
geessuu danda’a. Kana malees Phexros, namoota amantii hin qabneefi
ga’istoota ta’aniin gowwoomfamuu akka dandeenyu dursee dubbateera.
Ga’istoonni kun akkas jedhu: “Deebi’ee dhufuun isaa abdachiifamee ture
mitii? Meerree kan raawwatame ree? Erga abboonni keenya iyyuu du’anii,
wanti hundinuus akkuma yeroo biyyi lafaa uumametti hafee in jiraata.”—2 Phexros 3:4.
7. Obsi Gooftaan namoonni akka qalbii geddaratan barbaaduusaa wajjin walitti dhufeenya maalii qaba?
7 Barumsi
lammaffaan jecha Phexrosirraa argannummoo, Gooftaan kan obse namoonni
hundi akka qalbii geddaratan waan barbaaduufidha. Gooftaan namoota ta’e
jedhanii hojiisaanii isa gadheerraa deebi’uu didan ni adaba. Haa ta’u
malee, namoonni hamoon du’uunsaanii Gooftaa hin gammachiisu. Kanaa
mannaa, namoonni qalbii geddarachuudhaan karaa gadheerraa deebi’anii
akka jiraatan barbaada. (Hisqi’el 33:11) Obsa argisiisuudhaan
misiraachoon kun guutummaa biyya lafaatti akka lallabamuu fi namoonni
jireenya akka argatan carraan kan isaaniif banames kanaafi.
8. Waaqayyo walitti dhufeenya saba Israa’elii wajjin qabnuun kan obse akkamitti?
8 Obsi
Waaqayyoo, walitti dhufeenya inni saba Israa’elii wajjin qabuunis
mul’ateera. Israa’eloonni waggoota dhibbaan lakkaa’amaniif isaaf
abboomamuu yoo didanillee obsaan isaaniif danda’eera. Raajotasaatiin
fayyadamee irra deddeebi’uudhaan akkas jedhee isaan akeekkachiisaa ture:
“Karaa keessan isa hamaa irraa deebi’aa! Abboommii koo fi seerrata koo
isa ani seera godhee abboota keessaniif kennee, karaa hojjetoota koo
raajotaa isinitti erge sana eegaa!” Deebiinsaanii maal ture? Kan nama
gaddisiisu isaan garuu “amanamuu didan.”—2 Mootota 17:13, 14.
9. Yesus obsa Abbaansaa argisiisee wajjin wal fakkaatu kan argisiise akkamitti?
9 Dhumarrattis Gooftaan Ilmasaa erge. Ilmisaa kunis Yihudoonni Waaqayyoo wajjin akka
araaramaniif irra deddeebi’ee isaan kadhateera. Yesus obsa abbaansaa
argisiisee wajjin wal fakkaatu argisiiseera. Yeroo xinnoo booda akka
ajjeefamu waan beekuuf akkas jechuudhaan gaddaan dubbateera: “Yaa
Yerusaalem, yaa Yerusaalem, ishee raajota ajjeeftuu, warra sitti
ergamanis dhagaadhaan rukuttuu, indaanqoon cuucota ishee qoochoo ishee
jalatti akkuma walitti qabatutti, si’a meeqan ijoollee kee walitti qabuu
barbaade; atii fi ijoolleen kee garuu hin barbaanne.” (Maatewos 23:37)
Jechoonni kun nama warra kaanitti faraduuf hawwu keessaa kan ba’an utuu
hin ta’in, nama warra kaaniif gaddurraa kan maddanidha. Yesus, akkuma
abbaasaa isa samii namoonni qalbii geddaratanii badiisarraa akka oolan
barbaada. Namoonni tokko tokko akeekkachiisa Yesus kenne hojiirra
oolchuudhaan badiisa Dh.K.B. bara 70 Yerusaalemirra ga’erraa oolaniiru.—Luqaas 21:20-22.
10. Obsi Waaqayyoo karaa kamiin nu fayyade?
10 Dhugumayyuu
obsi Waaqayyoo kan nama dinqisiisu mitii? Namoonni hedduun Waaqayyoof
abboomamuu didanillee, nuun dabalatee namoonni miliyoonaan lakkaa’aman
akka isa beekaniifi abdii fayyinaa akka qabaatan carraa isaanii baneera.
Phexros namoota hidhata amantiisaa ta’aniif: “Gooftaan obsaan isiniif
danda’uun isaa, fayyinaaf karaa isiniif kennuu isaatti lakkaa’adhaa!”
jechuudhaan barreesseera. (2 Phexros 3:15)
Obsi Gooftaa fayyina akka argannu karaa nuu banuusaatti galateeffachuu
hin qabnuu? Guyyaa guyyaadhaan yeroo isa tajaajillu Gooftaan nuuf
obsuusaa akka itti fufu kadhachuu hin qabnuu?—Maatewos 6:12.
11. Obsa Gooftaan hubachuun keenya maal akka goonu nu kakaasa?
11
Gooftaan maaliif akka obse hubachuun keenya, fayyina inni fidu obsaan eeguuf nu
gargaara; akkasumas abdii kenne raawwachuuf duubatti jedha jennee akka
hin yaanne nu gargaara. (Faaruu Ermiyaas 3:26) Mootummaan Waaqayyoo akka
dhufu kadhachuu keenya kan itti fufnu yoo ta’ellee, yeroo gaariin
kadhannaan kun deebii argachuu itti qabu yoom akka ta’e Waaqayyo akka
beeku ni amanna. Kana malees, obsa inni argisiise hordofuudhaan walitti
dhufeenya obboloota keenyaa wajjinis ta’e namoota isaanii lallabnuu
wajjin qabnuun amala kana argisiisuuf yaalii goona. Nutis akkuma Gooftaan, namoonni hundi qalbii geddaratanii akkuma keenya abdii jireenya
bara baraa akka argatan malee eenyuyyuu akka badu hin barbaannu.—1 Ximotewos 2:3, 4.
Obsa Raajonni Argisiisan Hubadhaa
12, 13. Isaayaas raajichi, obsa Yaaqoob 5:10rratti ibsamee wajjin wal fakkaatu kan argisiise akkamitti?
12 Waa’ee
obsa Gooftaa yeroo barannu amala kana dinqisiifachuufi horachuuf
kakaana. Obsa argisiisuun namoota gonkummaa hin qabneef salphaa ta’uu
baatus, kana gochuun wanta hin danda’amnedha jennee yaaduu hin qabnu.
Kana ilaalchisee tajaajiltoota Waaqayyoo warra bara duriirraa barumsa
argachuu dandeenya. Yaaqoob akkas jechuudhaan barreesseera: “Waa’ee waan
hamaa isa namatti dhufu baachuu fi waa’ee obsaan danda’uu immoo
obboloota ko, fakkeenya raajota warra maqaa gooftaatiin dubbatanii
fudhadhaa!” (Yaaqoob 5:10) Warri kaan rakkoowwan yeroo ammaatti nurra ga’aa jiran mo’anii akka darban beekuun keenya nu jajjabeessa.
13 Fakkeenyaaf,
Isaayaas raajichi hojii isaaf kenname raawwachuuf obsuun isa
barbaachisee ture. Amala kana horachuun barbaachisaa ta’uusaa Gooftaan
akkas jechuudhaan isatti himeera: “Gara saba kanaa dhaqiitii, ‘Dhaga’uu
in dhageessa, garuu hin hubattu; ilaaluu in ilaalta, garuu hin argitu!’
jedhiin! Itti fufees immoo, akka hin arginetti, gurra isaatiin akka hin
dhageenyetti, yaada garaa isaatiinis akka hin hubannetti, gara koottis
akka hin deebinetti, akka hin fayyifamnettis, yaada garaa saba kanaa
hadoodchi, gurra isaa cuqqaali, ija isaas dununfachiisi! jedhe.”
(Isaayaas 6:9, 10) Namoonni sun kan hin ajajamne yoo ta’anillee,
Isaayaas waggoota 46 ta’aniif akeekkachiisa Gooftaan biraa dhufe obsaan
isaanitti labseera. Haaluma wal fakkaatuun, namoonni ergaa kana kan hin
fudhanne yoo ta’anillee obsi hojii misiraachoo kana lallabuutti akka
jabaannu nu gargaara.
14, 15. Ermiyaas rakkinaafi abdii kutachuu akka mo’u kan isa gargaare maalidha?
14 Raajonni
yeroo tajaajilasaanii raawwatan, namoonni ergaa isaan dabarsan
fudhachuu diduusaanii qofa utuu hin ta’in, ari’atama isaanirraan ga’anis
obsuu qabu turan. Namoonni isa mormaa turan Ermiyaasiin jirmatti
hidhanii “mana hidhaa” erga isa galchanii booda boolla bishaaniitti isa
darbataniiru. (Ermiyaas 20:2; 37:15; 38:6) Namoonni rakkina kana hundaa
isarraan ga’an namoota inni isaan gargaaruu barbaadu ture. Ta’us
Ermiyaas isaan hin hadheessine, haaloo ba’uufis yaalii hin goone. Kanaa
mannaa, waggoota kudhaniin lakkaa’amaniif obsaan jabaatee dhaabateera.
15 Ermiyaas
namoonni yoo isa ari’ataniifi isatti ga’isanillee ergaa kana himuu hin
dhiisne; yeroo ammaattis ergaa kana akka hin himne nu gochuu hin
danda’an. Dhugaadha, darbee darbee abdii kutachuu dandeenya ta’a.
Ermiyaas akkas jedhee barreessuudhaan abdii kutatee akka ture ibseera:
“Yeroo hundumaa sagalee koo ol fuudhee isaanitti nan hima; isaan garuu
dubbii kee kanaaf jedhanii na arrabsu anatti in ga’isus.” Haa ta’u malee,
wanta sana booda itti dhaga’ame akkas jechuudhaan ibseera: “Ani garuu,
‘Maqaa Waaqayyoo hin dha’u, maqaa isaatiinis waan tokko illee namatti
hin himu.’” Achiihoo maaltu ta’e? Ermiyaas lallabuusaa ni dhaabee? Itti
aansuudhaanis akkas jechuudhaan dubbateera: “dubbiin kee lafee koo
keessa lixee, garaa koo keessatti akka ibidda boba’uu waan ta’eef, ani
isa ittisuu yoon yaale iyyuu homaa hin danda’u.” (Ermiyaas 20:8, 9)
Ermiyaas namoota isarratti ga’isaa turanirratti xiyyeeffachuunsaa
gammachuu akka isa dhabsiise qalbeeffadhaa. Xiyyeeffannaasaa gara ergaa Gooftaan kennetti yeroo deebise garuu gammachuu argachuu danda’eera.
Kana malees, gooftaan “akka loltuu jabaa fi sodaachisaatti” Ermiyaasii
wajjin ta’ee hinaaffaafi ija jabinaan sagalee Waaqayyoo akka labsu isa
jajjabeessa ture.—Ermiyaas 20:11.
16. Misiraachoo kana lallabuudhaan gammachuu argachuu kan dandeenyu akkamitti?
16 Ermiyaas
hojiisaatti gammadeeraa? Eeyyee! Akkas jechuudhaan Gooftatti
dubbateera: “Yaa Waaqayyo Gooftaa maccaa, ani kan kee ti’o, dubbii kee
yommuun argadhe, akka nama buddeena nyaatuutti isa nan nyaadhe, innis
garaa koo gammachuu fi qannoodhaan in guute.” (Ermiyaas 15:16) Ermiyaas
Waaqa dhugaa bakka bu’uudhaan sagaleesaa labsuuf mirga argachuusaatti
gammadeera. Nutis mirga akkasii argachuu keenyatti gammaduu dandeenya.
Kana malees, akkuma ergamoota Waaqayyoo nutis, addunyaa maratti namoonni
hedduun ergaa Mootummichaa fudhachuudhaan qalbii geddaratanii daandii
jireenya bara baraatti geessurra adeemuu yeroo jalqaban ni gammanna.—Luqaas 15:10.
‘Obsa Iyoob Argisiise’
17, 18. Iyoob obsa kan argisiise karaa kamiini? Bu’aansaahoo maal ture?
17 Yaaqoob
waa’ee raajota yeroo dheeraa dura jiraachaa turanii erga caqasee booda,
akkas jechuudhaan barreesseera: “Iyoob attam akka obse dhageessaniittu;
wanta Gooftaan ittiin raawwates argitaniittu. Kunis Gooftichi
gara-laafessa, oo’a-qabeessas ta’uu isaa in argisiisa.” (Yaaqoob 5:11)
Jechi afaan Giriikii asirratti “obsa” jedhamee hiikame, lakkoofsa isa
dura jirurratti jecha “obsaan danda’uu” jedhamee hiikamee wajjin
tokkodha. Hayyuun tokko garaagarummaa jechoota kana lamaan gidduu jiru
ilaalchisee akkas jechuudhaan barreesseera: “Jechi jalqabarratti ibsame
yeroo namni daba nurratti raawwatu obsuu kan argisiisu yommuu ta’u,
jechi booda ibsamemmo rakkinni yeroo namarra ga’u jabaatanii dhaabachuu
kan argisiisudha.”
18 Iyoobirra
dhiphinni kana hin jedhamne ga’ee ture. Qabeenyasaa dhabeera;
ijoolleensaa jalaa du’aniiru; dhukkuba hamaadhaanis qabameera.
Akkasumas, Gooftaan si adabaa jira jedhamee yakkameera. Iyoob gadda
isatti dhaga’ame utuu hin dhoksin dubbateera; akkasumas Waaqayyoon
caalaatti qajeelaa akka ta’e dubbatee ture. (Iyoob 35:2) Ta’us, amantii
Waaqayyorratti qabu hin dhabne; amanamaa ta’uusaas hin dhiisne. Akka
Seexanni Waaqayyoon ni arrabsa jedhee isa yakke hin goone. (Iyoob
1:11, 21) Kana gochuusaatti bu’aa akkamiitu argame? Gooftaan “bara
jireenya Iyoob isa gara booddee isa gara duraa caalaatti in eebbise.”
(Iyoob 42:12) Gooftaan fayyaa Iyoob deebisuufiisaarrayyuu, qabeenyaasaa
dachaa isaaf godheera; akkasumas namoota jaallatuu wajjin jireenya
gammachuu qabu akka jiraatu gochuudhaan isa eebbiseera. Iyoob
amanamummaasaa eegee obsaan danda’uunsaa caalaatti Yihowaa beekuuf isa
gargaareera.
19. Obsa Iyoobirraa barumsa akkamii arganna?
19 Obsa
Iyoobirraa barumsa akkamii arganna? Nutis akkuma Iyoob dhukkubni ykn
rakkina gara biraan nurra ga’uu danda’a. Gooftaan rakkinni tokko akka
nurra ga’u maaliif akka heyyame sirriitti hin hubannu ta’a. Ta’uyyuu,
amanamummaa keenya eegnee yoo jiraanne, akka eebba argannuufi Yihowaan
namoota isa barbaadan akka kiisu mirkanaa’oo ta’uu dandeenya. (Ibroota 11:6) Yesus: “Namni hamma dhumaatti jabaatee dhaabatu garuu in fayya” jechuudhaan dubbateera.—Maatewos 10:22; 24:13.
‘Guyyaan Waaqayyoo Ni Dhufa’
20. Guyyaan Gooftaan akka dhufu mirkanaa’oo ta’uu kan dandeenyu maaliifi?
20
Gooftaan kan obsu yoo ta’ellee, murtoo qajeelaa waan jaallatuuf bara baraaf
hamminni akka jiraatu hin heyyamu. Obsisaa daangaa qaba. Phexros:
“[Waaqayyo] biyya lafaa isa bara durii sana hin qusanne” jechuudhaan
barreesseera. Nohiifi maatiinsaa badiisarraa kan oolan yeroo ta’u,
namoonni Waaqayyo malee jiraachaa turan garuu bishaan badiisaatiin
balleeffamaniiru. Gooftaan Sodoomiifi Gomoraarrattis firdii adabaa
dabarsuudhaan guutummaatti isaan balleesseera. Murtiin kun ‘warra
Waaqayyo malee jiraatanitti wanta dhufuuf jiruuf fakkeenya ta’a.’
Kanarraa ka’uudhaan, ‘guyyaan gooftaa akka dhufu’ mirkanaa’oo ta’uu dandeenya.—2 Phexros 2:5, 6; 3:10.
21. Obsa qabaachuu keenya akkamitti argisiisuu dandeenya? Mataduree itti aanutti waa’ee maalii baranna?
21 Kanaafuu,
warri kaan qalbii geddaratanii fayyina argachuu akka danda’an
gargaaruuf gooftaan fakkaachuudhaan obsa haa argisiisnu. Namoonni nuti
lallabnuuf tarkaanfii fudhachuu kan hin barbaanne yoo ta’anillee,
fakkeenya raajotaa fudhannee obsaan misiraachoo kana haa labsinu. Kana
malees, akkuma Iyoob rakkina nurra ga’u obsaan yoo dandeenyeefi
amanamummaa keenya yoo eegne, gooftaan akka nu eebbisu mirkanaa’oo ta’uu
dandeenya. gooftaan namoota misiraachoo kana guutummaa biyya lafaatti
lallabuuf carraaqqii godhan akka eebbisaa jiru beekuun keenya tajaajila
keenyatti akka gammannu nu gargaara. Mataduree itti aanutti waa’ee kanaa
baranna.
Ni Yaadattaa?
• gooftan kan obse maaliifi?
• Obsa raajonni argisiisanirraa barumsa akkamii arganna?
• Iyoob kan obse akkamitti? Kana gochuusaatiin bu’aa maalii argate?
• Obsi Yihowaa kan daangaa qabu ta’uusaa akkamitti beekuu dandeenya?
ምንም አስተያየቶች የሉም:
አስተያየት ይለጥፉ